Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages

2021-12-25 18:46:36 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
941 views15:46
Open / Comment
2021-12-11 09:22:35
彡• Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.

彡• Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha.

彡• Afaan gaariin, afaa gaarii caala.
1.5K views06:22
Open / Comment
2021-12-11 09:22:29
彡• Dhiirti re'ee hin elmitu, garuummoo malaan haga baatu hin wallaaltu.

彡• Lolli firaa dhiiga ilkeeti, hanga tokko ni tufta, hanga tokko ni liqmsita.

彡• Haa teessu garaa, haa nyaattu coraa.
1.5K views06:22
Open / Comment
2021-11-26 23:24:22
彡• Abbaan daadhii dhugeef, ilma afaan hin urgaayu.

彡• Abbaan iyyatu malee ollaan, namaa hin birmatu.

彡• Kan kunootii hin argine, kuunnotii hin argu.
732 views20:24
Open / Comment
2021-11-26 23:24:19
彡• Soddaa jiru, sanuu balbala jiruu, wal hin lolan!

彡• Aak jedhan waa tufan, mammaakan waa himan.

彡• Ol kaayan malee, ol ka'aniif waa hin fuudhan.
734 views20:24
Open / Comment
2021-11-17 23:48:34 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

#Hubannoon Yaada waliin jalqaba.

#Bu’uurri jiruu hubannoodha, bu’uurri waa hojjachuu beekudha.

#Jireenya fuunduraa keessan bulchuu yoo barbaaddan, jalqaba sammuu keessan ilaalaa. Wanta gara fuunduraatti hojjachuuf yaaddan tarkaanfi tarkaanfin karoorsaa. Wanta hojjachuuf yaaddan hunda hin hojjattan, garuu wanta hojjachuuf gonkumaa itti hin yaadiniin milkaa’u hin dandeessan. (Wanta baay’ee hojjachuuf ni yaaddu, wantoota yaaddan kanniin hunda hin hojjattan.

Garuu wanta tasuma hin yaannen hin milkooftan. Fakkeenyaf, doktora ta’uuf yoo hin yaadin, doktora ta’uun hin milkooftan.) Sirrii mitii?

Mata-dureen sammuu keenya keessa jiru akkuma ittii yaannun ibsa bal’aa argata. Wantoonni yaannu suutuma suuta gochoota keenyarratti dhiibbaa uumu.

Kanaafi, gochoota, filannoowwanii fi yaadota keenya deddeebisuun sammuu keenya keessatti tarkaanfi tarkaanfin ijaarra.

Jireenyi dhaamtu (dukkanooftu) tan taatuuf yaanni dhaamaa waan ta’eefi. Kuni qarummaa waliin wal hin qabatu. Kana irra, yaadu waliin wal qabata. Addunyaan teessan hanga yaadu dandeessaniin bal’atti.
291 views20:48
Open / Comment
2021-11-13 17:46:30 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
2.2K views14:46
Open / Comment
2021-11-13 17:45:25
彡• Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi!

彡• Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!

彡• Farda hidhatan machiin tolti!
2.3K views14:45
Open / Comment
2021-11-13 17:45:23
彡• Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!

彡• Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!

彡• Namni farda koorse galgala kooraa baata!
2.2K views14:45
Open / Comment
2021-10-28 09:54:02
彡• Baraan barruu horan.

彡• Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin!

彡• Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan!
1.3K viewsedited  06:54
Open / Comment