Get Mystery Box with random crypto!

Inni ati tolaaf uumte Ta'eetoo waan-badee Filannoo godhatee De | GAGGEESSUMMAA

Inni ati tolaaf uumte
Ta'eetoo waan-badee
Filannoo godhatee
Deemsa irraan gadee

┈┈┈••••┈┈
Addunyaa kanatti
Wanti hin malle malee
Namni albee qaree
Nama akka isaa qalee

┈┈┈••••┈┈
Nama isa jedhu
Maqaa gaarii baatee
Namni bineensomee
Namatu nama nyaatee

┈┈┈••••┈┈
Egaa,
Uumamni kee jooree
Namummaa walsarbee
qaaliin lubbuu namaas
Akka laayyoo darbee

┈┈┈••••┈┈
Gidduu du'aaf jiruu
Sarbamaan korrisaa
Gammadee ililchee
Ajjeesaan roorrisaa

┈┈┈••••┈┈
Hunda osoo ilaalluu
Irra fiixee hammeenyaa
Kunoo ammas jirraa
Yoo ta'eef jireenyaa

┈┈┈••••┈┈
Qilleensa hargannus
Nagaa sammuu deegnee
Abdii sirraan kunnee
Dhufaatii kee eegnee

┈┈┈••••┈┈
Atihoo maaf nu hin laaltuu
Maaf nuun himtu tooftaa
Nu dagatteeti moo
Dhufaa jirta gooftaa??

Bezu Gizachew 2021

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ