Get Mystery Box with random crypto!

KOPHEE SEEXANAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➬ Maqaan kophee seexanaa | GAGGEESSUMMAA

KOPHEE SEEXANAA

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Maqaan kophee seexanaa jedhamu kennameeraaf.
Kophee Seexanaa Dhiiga Namaa irraa Hojjatame.

➬ Kopheen doolaara 1,018 akka kan keenyaatti (birri 42,218) gurgurame kun, mallattoo fannoo gadi galagalee, mallattoo urjii (pentagiraamii) fi luqqisii macaafa qulqulluu "Luqaas 10:18" ofirraa kan qabu yoo ta’u, kophee Nike Air Max 97 jedhamu gegeeddaruun oomishame.

➬ Dhabbati MSCHF Wiixata kopheewwan 666 ta’an raapparii Lil Nas X waliin irratti
hojjachuun kan gadhiise yoo ta’u, daqiiqaa tokkoo gaditti kopheen hundi gurguramee akka dhumes hima.

➬ Nike kopheen kun mallattoo daldalaa keenya seeraan ala itti fayyadame jechuun himata.
Kopheen halluu gurraachaa fi diimaa qabu kun Wiixata MSCHF'n kan gadhiifame, sirbitu Lil Nas X haaraa Montero (Call Me By Your
Name) jedhu Jimaata YouTube irratti erga gadhiifamee booda.
Viidiyoon sirba kanaa yeroo weellisaan kun yeroo jannata irraa gara si’oolitti kophee kana
uffatee shubbisaa gadi bu’u mul’isa.

➬ Qabiyyeen viidiyoo fi kophee kanaa luqqisii Macaafa qulqulluu Luqaas 10:18 – "Seexanni akka bakakkaatti yommuu samii irraa kufu ani
argeera," jedhu kan eerudha.
Kopheen tokko tokkoon isaa bakka faanni luka ejjetu irratti dhangala’aa halluu diimaa fi dhiiga bicuu miseensota dhaabbata artii kanaan
gummachame of keessaa qaba. Dhaabbati kophee ispoortii oomishu Nike
himata Mana Murtii US Bulchiinsa Niiw Yoork jirutti dhiyeesse irratti Kophee Seexanaa kana akka hin eeyyamne yookiin hin simanne ibseera. "Dogoggorri akkanaa ammumaan uumamaa jiraachuu isaaf ragaan jira, mormii Kophee Seexanaa kana irratti ka’een ilaalcha dogoggoraa Nike oomisha kana eeyyameera jedhuun Nike qeeqamaa jira."

Bulchituu Dakoota Kibbaa Kiristii Noyem dabalatee namootni siyaasa tokko tokkoo fi hordoftoonni amantaa tokko tokko kophee kana Tiwiitara isaanii irratti balaaleffachaa jiru.

NUTIS AKKA
• CHANNEL KEENYAATTI,
• AKKA AADAA KEENYAATTI,
• AKKA AMANTAA KEENYAATTIS HAA BALAALEEFFANNU!!!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ