Get Mystery Box with random crypto!

ILAALCHA KEEF MOO KAN NAMAAF IDDOO KENNITAA? ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Yeroo | GAGGEESSUMMAA

ILAALCHA KEEF MOO KAN NAMAAF IDDOO KENNITAA?
▬▬▬▬▬
▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko haadha manaa fi abbaa manaatu baadiyyaa tokko keessa waliin jiraatu turan. Jarreen kun farda tokko qabu. Egaa guyyaa tokko iddoo ta'e deemuuf jedhanii farda isaanii yaabbatanii deemsa eegalan.

❏ Yeroo isaan lama ta'anii farda tokko yaabbatanii deeman namoonni isaan argan akka isaan beeyladaaf garaa hin laafnetti yaaduun itti aaruun hammeessuu eegalan. Yeroo kana abbaan manaa farda irra taa'un haati manaa immoo akka lafa deemtuuf murtessaan.

❏ Ammas Namoonni biroo isaan argan maal abbaan manaa ofittoo fi kan haadha manaa isaaf kabaja hin laanne jechuun isa arrabsuu eegalan.

❏ Namichi kunis dubbii namoota kanaa baqachuuf jecha ofii isaa farda irraa bu'uun haadha manaa isaa farda yaabsisuun ofii isaa immoo lafoo deemsa eegale. Yeroo kana immoo namoonni isaan argan abbaa manaa kanatti kolfuu eegalan. Akka inni gowwaa ta'eetti fudhachuunis hedduu itti qoosan.

❏ Dhuma irratti jarri lachuu lafoo isaanii deemuuf murteessan. Farda isaaniis harkisuun deemsa eegalan. Yeroo kana namoonni isaan argan hedduu raajeffamanii akkas jedhan
"Maal maatii gowwaa fi homaa hin beekne kun kan farda qullaa dhiisanii lafoo deeman!" jechuun isaan arrabsan jedhama.

Egaa obbolee koo meeqan keenyatu akka sammuun keenya nu ajaju dhiifnee gaggeessummaa nama biraan jiraataa jira?

✧ Hedduun keenya jireenya jiraannu akka waan namaaf jiraannuu, akka ebelu ta'eef, hafee malee jechuun kan kaayyoof karoora keenya dhiisne lakkoofsa hin qabnuum.

✧ Waan hiriyyaan isaa itti qooseef/ittiin mormeef qofa kan ajandaa karoora isaa jijjiiru meeqaf meeqatuu jiraam!

✧ Jireenyi kan jiraatamu akka nuuf mijatee fi haala keessa jirru waliin walbira qabuun malee ilaalcha namoonni nuuf qabaniin har'aa bor kan jijjiiraa oollu miti.

✧ Kanaaf kaayyoo itti amante sana hanga galmaan geessutti jecha namaa fi arraba namaa isa akka eboo nama waraanuuf bakka hin qabaatin! Deemsa kee itti fufii milkaa'i!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ