Get Mystery Box with random crypto!

#MinisteeraBarnootaa Ministeerri Barnoota Qormaanni Biyyoole | ancient history of oromoo and oromia

#MinisteeraBarnootaa

Ministeerri Barnoota Qormaanni Biyyooleessa kutaa 12ffaa Gurraandhala 29/2013 irraa jalqabee barattootaaf akka kennamu beeksise.

Bara kana qormaanni biyyaaleessa Kutaa 12ffaa karaa 'online ' kennaamuu hafuus ministeerichi beeksiseera.

Qormaata biyyaaleessaa kutaa 12 bara kanaa kennuuf ministeerrichi karaa teekinolojiitiin karoora qabatee akka ture himamaa ture.

Ta'uus sababa taabileetonni ittin qoramanni kennaamuuf yaadame yeroon hin dhaqqabneef ministeerichii waraqaadhaan qormaata kunnuuf akka jiru beeksiseera.

Ibsa Ministeerri Barnootaa har'a kenneen qormaatichi Guraandhala 29 irraa eegale hanga Bitootessa 2 bara 2013tti ni keennama.

Guraandhala 22 hanga 24tti waraqaan eenyummaa dijitaalaa ni raabsama. Ibsi qormaatichaa Guraandhala 26 bara 2013 kan kennamu ta'a. #SHARE

@GadaaMagazine
@GadaaMagazine