Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 10

2021-10-22 20:40:28 ..........ኤለሞ ቂልጡ............
.
ወላጆቹ ያወጡለት ስም ሀሰን ኢብራሂም ኡመር ይባላል፡፡ትውልዱ ሀረርጌ ውስጥ ወተር ቡልሎ ከምትባለው መንደር በ1936 ነው፡፡የልጅነት ታሪኩ እምብዛም ባይታወቅም
እስከ1956 በትውልድ መንደሩ የእስልምና ትምህርትን የተማረ ሲሆን በ20አመቱ ወደ ድሬዳዋ በመሄድ ትውልዳቸው የመን
ከሆኑ የየመን ነጋዴዎች የጨርቃጨርቅ መደብር ስራ አግኝቶ በታማኝነት ለአጭር ጊዜ እንደሰራ የወጣቱን መልካም ባህሪ ያስተዋሉት ቀጣሪዎቹ ወደ የመን ይዘውት ሄደው ኑሮውን በኤደን መሰረተ፡፡
.
ያ..ወጣት በአጭር ጊዜ በንግዱ አለም የተዋጣለት ሁኖ ነበር፡፡ አንዳንድ ጊዜ የሀገሩ ልጆች በሱ ቤት ሰብሰብ ብለው ስለ
"ኦሮሙማ" ሲያወሩ እምብዛም ትኩረት ባይሰጠውም በኤደን ያለው የኢትዮጵያ ቆንጽላ ጽህፈት ቤት ቀልብ ግን ሀሰን
ኢብራሂም እና በቤቱ የሚሰባሰቡ የኦሮሞ ተወላጆች ላይ ትኩረቱን አጠናክሯል፡፡
.
. በ1967ለኢትዮጵያ መንግስት ይሰልል የነበረ የሀረሪ ተወላጅ ሰው አዴን ይሄድና ዕቃ በዱቤ ተቀብሎት ከሱ ጋር ወደ ፊንፊኔ በመሄድ ክፍያውን እንዲቀበል ይህን ወጣት አግባባው። ወጣቱ ምንም አላቅማማም ተስማምቶ አብሮት ወደ ፊንፊኔ ተጓዘ።
.
ፊንፊኔ እንደደረሰም ወድያውኑ በቁጥጥር ስር ውሎ በፀረ ኢትዮጵያ አሸባሪዎች እንቅስቃሴ አባልነት ተከሰሰ። በእስር ቤቱም እጅግ አሰቃቂ አካላዊና ስነ ልቦናዊ ስቃይ ደረሰበት።ይህ
አጋጣሚ የዚህን ወጣት ህይወት ቀየረው፡፡ኦሮሞነት ወንጀል መሆኑን፡፡
.
.ወገኖቹ ገንዘብ በማዋጣት ለእስር ቤቱ ሃላፊ ከፍ ያለ ገንዘብ በመስጠት ከእስር ቤቱ አስለቀቁት። ወጣቱ በእስር ቤቱ በነበረው ሁኔታ አመለካከቱን ብቻ አልነበረም የቀየረው ስሙንም ጭምር እንጂ፡፡ወላጆቹ ያወጡለትን ስም በመተው ለራሱ "ኤለሞ ቂልጡ "በማለት ለጓደኞቹ ሲያስተዋውቃቸው በደስታ
ነበር የተቀበሉት፡፡
.
ኤሌሞ በኦሮሞነት ስለታሰረ በማንነቱ እንዲያምን አደረገው።ወድያውኑም በወቅቱ
በመጫና ቱለማ ራስ አገዝ ማህበር አመካኝነት በሀገሪቱ ፈንጥቆ የነበረውን የኦሮሞ ብሄራዊ ንቅናቄን ተቀላቀለ።
.ብዙም ሳይቆይ ግን የመጫእናቱለማ አባላት ወደ እስር ሲጋዙ ያ የኦሮሙማው ቀንዲል መቶ አለቃ ማሞ መዘምርን አንገት ንጉሱ ለገመድ ሲዳርጉ የነጻነት ፋኖውን ጀነራል ታደሰ ብሩን
ለግዞት መላካቸውን ያየው ኤለሞ ልቡ እንዳገነገነ በዝምታ አልተቀመጠም፡፡ትግሉ በመሳሪያ እና መሳሪያ ብቻ መሆኑን አምኗል፡፡
.
በ1968 ኤሌሞ በምስጥር ወደ ሶማሊያ (ሞቃድሾ)በመሄድ የኦሮሞ ብሄራዊ አቀንቃኞች ስብሰባ ላይ ተካፍሎ የኦሮሞ
ብሄራዊነት አጀንዳ ማስተዋወቅ የሚል ተልዕኮ
ተሰጠው። ወደ አዴን ተመለሰና የኦሮሞ ማህበረሰብ ህብረትን መሰርቶ የአዴን ከተማ አስተዳደሪን በማሳመን የኦሮሞ ፖለቲካ
ቢሮን ከፈተ።ከተለያዩ ሀገራት፣ ከፍልስጤም ነጻነት ንቅናቄ እና የኤርትራ ነፃ አውጭ ግንባር ድጋፍን ማፈላለግ ጀመረ።በኢራቅ መንግስት እርዳታም የ7 ወር ወታደራዊ ስልጠና ፕሮግራም ለኦሮሞ ነጻነት ተዋጊዎች በማዘጋጀት ጠንካራ የሽምቅ ተዋጊዎችን አፈራ።እነዚህንም ሀይሎች በጓደኛው
አብዱልከሪም ሀጂ ኢብራሂም (ጃራ አባ ገዳ) መሪነት በሰሜን ሶማሊያ በኩል ወደ ኢትዮጵያ ላከ።
.
በ1973 መጀመሪያ ላይም ኤሌሞ በፊንፊኔ የኦሮሞ ምስጥራዊ ንቅናቄ መሪዎች ስብሰባ ላይ እንዲሳተፍ ተጋበዘ። በስብሰባውም የኦሮሞ ነፃነት ግንባር ለመጀመሪያ ግዜ ተመሰረተ። ኤሌሞ ቂልጡም በኢትዮጵያ
መንግስት ላይ የትጥቅ ትግልን የመክፈት ሃላፊነት ተሰጠው።ከስብሰባውም በኋላ የትጥቅ ትግሉን ለመጀመር ከትግል ጓደኛው ሁንዴ ታቂ ጋር ወደ ገለምሶ አቀኑ።
.
በ1974ሚያዚያ ወር ከጥቂት ተከታዮቹ ጋር በጨርጨር አውራጃ (የአሁኑ ምዕራብ ሀረርጌ ዞን) ውስጥ ከሚገኘው የጉባቆርቻ ወረዳ የትጥቅ ትግሉን ጀመረ፡፡ በወቅቱ በገለምሶ
ከተማ ውስጥ በግዞት ላይ ከሚገኙት ጄኔራል ታደሰ ብሩ እና አሕመድ ተቂ ከሚባለው ታዋቂ ነጋዴ ጋር የግንኙነት መስመር መሰረተ፡፡ እነዚህ ሶስት አርበኞች ህዝቡን በፖለቲካ እያነቁ
አደራጁ፡፡ ወጣቶችም ወደ ንቅናቄው መቀላቀል ጀመሩ፡፡በሀምሌ ወር 1974በተደረገ አንድ ኦፕሬሽን በኤሌሞ ቂልጡ የሚመራው
ጦር ጄኔራል ታደሰ ብሩን በውድቅት ሌሊት
ከገለምሶ አስወጥቶ ወደ ሸዋ አሻገረ፡፡ በዚህም የተነሳ በወቅቱ ስልጣኑን ከኃይለ ሥላሴ መንግሥት በመረከብ ላይ በነበረው
የደርግ መንግሥት ላይ ከፍተኛ መደናገጥ ተፈጠረ፡፡ ስለዚህ ደርጎች ቡድኑን አድኖ የሚያጠፋ ሁለት ሻምበል ጦር ወደ
ገለምሶ ላኩ፡፡ ይህ የደርግ አዳኝ ጦር በኤሌሞ ቂልጡ የሚመራውን የኦሮሞ ሽምቅ ተዋጊዎች ቡድን ለሁለት ወራትያህል ሲያሳድድ ከረመ፡፡ የነ ኤሌሞ ቡድንም የነበረውን አነስተኛ ቁጥር ከግምት ውስጥ በማስገባት የደርግ ጦርን ፊት ለፊት ሳይጋፈጥ አነስተኛ ጥቃቶችን እየከፈተ መሸሹን ቀጠለ::
.
ነሐሴ 30/1974ግን የቁርጥ ቀን ሆነ፡፡
ሁለቱ ሀይሎች “ጢሮ”በተሰኘች ቦታ ፊት ለፊት ተገጣጠሙ፡፡ የኤሌሞ ጦር የውጊያ ፍላጎት ያልነበረው ቢሆንም የደርግ ጦር የቀድሞ ማጥቃት እርምጃ ወሰደ፡፡ ከኤሌሞ ጦር ሁለት
ሰዎችንም ገደለ፡፡ የሁለቱ ሰዎች ሞት ኤሌሞ ቂልጡን በከፍተኛ ቁጭት ውስጥ ከተተው፡፡
በተለይ ከሟቾቹ አንዱ አሕመድ ተቂ (ሁንዴ) የተባለው የኤሌሞ ተወዳጅ ጓደኛ መሆኑ ገና ከተመሰረተ አጭር ጊዜ የሆነው የኦሮሞ ነጻነት ሽምቅ ተዋጊዎችን ለበቀል እንዲነሳሱ
አደረጋቸው፡፡ በዚህም የተነሳ ኤሌሞ ዘጠኝ ተከታዮቹን ብቻ ይዞ ከደርጉ ሀይል ጋር ተጋጠመ፡፡ሁለቱ ሀይሎች ቀኑን ሙሉ ሲዋጉ
ዋሉ፡፡ ከአንድ መቶ ሀምሳ በላይ ያለውን የደርግ ሀይል ተቋቁመው ሲመክቱ የነበሩት በኤለሞ የሚመሩት የኦሮሞ ነጻነት ሀይሎች እየተመናመነ ሄደ በመጨረሻም በፍልስጥኤም ነጻ አውጪ ድርጅት ስር
የሰለጠነው እና የደርጉን ጦር ገትሮት የዋለው ጀግና በመጨረሻ ተከበበ፡፡
.
እጅ መስጠትን ለቀጣዩ ሰራዊት ሊያስተምር እንደማይሻ እያወቀ በሆዱ ላይ ቆስሎ የነበረ በመሆኑ እርሱን የከበቡት የደርግ ሰዎች
መጥተው እንዲወስዱት ነገራቸው፡፡ ከባቢዎቹም አምስት ወታደሮችን ወደ ስፍራው ላኩ፡፡ ሆኖም ወታደሮቹ ከቦታው ደርሰው ኤሌሞን ለመውሰድ ሲሞክሩ ያልታሰበ አደጋ
ገጠማቸው፡፡ ኤሌሞ ያሰናዳው የእጅ ቦንብ የሁሉንም ጥቃቅን አካል ሽቅብ ሲያጎነው ኤሌሞ ቂልጡም በዚያች ቅጽበት ተሰዋ፡፡
በዚያ ውጊያ ላይ ከኤሌሞ ቂልጡ ጋ የተሰዉት ጓዶቹ
-አሕመድ ተቂ (ሁንዴ)
-ኮሎኔል ማሕዲ አሕመድ
- ሼኽ ጀማል እና
-ሱለይማን ይባላሉ
1.1K views22916, 17:40
Open / Comment
2021-10-21 20:44:23
Fitawraarii habtegorgis dinagdee maqaaf inniniis oromoo ture.wanii guddaan minilik isa itti filateef
Sabboonummaa akka hin qabnee waan hubateefi. Itiyoophiyaa keessatti angoo argachuuf sabboonaa tahu hin qabdu.garuu fakkeessuu qabda
http://T.me/etbisahusen
915 views22916, 17:44
Open / Comment
2021-10-19 19:47:13
GOOBANAA DAACCII
Goobanaa Daaccii Abbaa Duulaa /waraana/ olaana bara mootii Minilik nama turaniidha. Raas Goobanni bara 1817 akka dhalatan barreessaan ‘Soleillet’ jedhamu kan gabaase yoo ta’u, barreessan bira ‘Baira Tafala’ jedhamu immoo bara 1821 keessa akka dhalatan himeera. (‘Soleillet, Op. cit. P.114, For a biographical article on Ras Gobana’) Goobanni yeroo isaan itti dhalatan bara mootii Saahilasillaasee keessa ta’us walitti dhufeenyi isaan mootota Shawaa waliin qaban wanti beekame hinjiru. Hiddi dhalootasaanis Oromoo yoo ta’u gosa Tuulamaa, Abbichuu Galaan keessaa mana Waayyuuti.
Hidda Dhaloota Raas Goobana
Tuulama, Galaan, Abbichu, Waayyu, Amaan, Wadee, Daaccii, Goobana
jechun kan ibsamuudha.
Abbaan Goobanaa Abbaa Biyyaafi nama beekama naannawa Waayyuu (Tuulamaa kaabaa) yoo ta’an, akka barreessitoota tokko tokkootti Abbaa Gadaa gosaatii jedhu (Bair Tafala, Journal of Ethiopian Study, 1968).
Akka qorannoofi afoolaa maanguddoota Abbichuurraa walitti qabameen Goobanni daa’imummaat... T.me/etbisahusen
348 views22916, 16:47
Open / Comment
2021-10-18 19:05:06 Ooromoon Raayyaa qubate kanatti kan mogaafamanidha.Jeehoota Afaan Oromoti (kittaba seena oromo Jara 16ffa fula 292.maxxansa 1996. Maxxansa 1998 ful.286)
Karaa garabiraatiin burqaansaanii aadaafi Afaan Oromoo ta’ee, naannoo saboota Amaaraafi Tigiraayitti baldhinaan kan dhaga’amu,sirbiifi weedduun akka geerarsaa gootaafi gootummaa Afaan Oromootiin yeroo faarsan akkas jedhu
“…Haayi ! haayi !haayi !
Korma gaafa lolaa!
Hayi! hayi ! korma gaafoo !
Korma gaafoo! korma gaafoo! Korma gaafa lolaa ! korma gaafa lolaa…”jedhu.Kun Afaan Oromoodha.
Kaaba Itoophiyaa kan qubataan Oromon Raayyaa, kibba kan qubate Oroomoota Arsiifi karaa bahaa Marawwaan Raayyaa wajjinis ta’ee Ituu wajjin kan walitti hidhata qabu ta’uusaa ragooleen tokko tokko ni muldhisu.Marawwaan Raayyaaf hangafadha kan jedhan akka ibsanitti, eebbarratti Raayyaa dursee dhiyeessa.Akkasumas angoon Raayyaa keessatti kennamu kamillee eebbaan kan xummuuru Marawwaadha.Jechuudhaan ragaa dhiheessu.(Kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa fuula 288 maxxansa 1998)
Hidda latii Raayyaa
Oromoo
Boorana
Samatoo
Gurachaa
Nagawoo
Odaa
Walaabu
Rayyaa
Maccaa __________ Tuulama
“Oromoon ka’umsa maraatti Afaan kushi bahaatirraa burqee, uummata Afaan Kushii dubatudha” (Seen Oromoo hanga jara 16ffa fula 20.maxxansa 1996)
“Kitaabni qulqulun bara 1962 maxxanfame galmee jechootaa irratti, jecha Itiyoophiya jedhu, Kush jedha.
Kanaaf Itiyoophiya jechun kush. Kush jechun Itiyoophiyaadha. Maqaan kun uummatis biyyis kan ittiin waamatudha ” ( kitaaba seenaa uumata Oromoo hanga jaraa 16ffafula 20.maxxansa1996)
“ uumati kush Afan gara garaa dubbachuu kan jalqabe wagooota 3500 – wagoota 2000 jidutti.
“ …Uumati Oromoo kan burqe kushi bahaa Afrikaarraa bara 8000 dura uumata jiraataa turedha. Kannaf Oromoon essaahuu kan hin dhufine, achuma jiraacha kan ture ta’u ibsa.”( Kitaaba S. u. O. h. jara 16ffa fulaa 23. maxxansa 1996)
Uumati kush durii, yeroo ammaa sababa afaan garaa garaa dubbatanif adda adda qoodameera. Itiyophiyaa kessatti qoofa Kushi duriirraa afaanoon burqan digdamii sadii dubbatamu.
Isaanis:
1. Oromoo
2. Sidaamaa
3. Burjjii
4. Affaar
5. Soomaalee
6. Kambaataa
7. Geede’oo
8. Saahoo
9. Koonsoo
10. Qimaant
11. Himtaang
12. Awung
13. Hadiyyaa
14. Baraareet
15. Busee
16. Erbooree
17. Daasanchi
18. Gawaadii
19. Garoobaz
20. Tsamayi
21. Waarazi
22. Baayisoo
23. Gidooloo
“Afaanoonni maatii kush wan waliin qooddatan Aadaafi jeechoota kushi duriirraa dhaalan eerun bekkama.” Jedhu qorattonni seena( jara 16ffa .maxxansa 1996, ful.24,maxxansa 1998 ful.20)
F.K. Oromoon Afaan soomaalee waliin jechoota % 35–40 waliin qabu jedhamee tilmaamama.Koonsoon Afan Oromoo wallin %50 qooddatu.Egaa kun soochiin uummata kush essaa gara eessatti akka ture nu mirkaneessa.
Kabajamtoota dubbistoota keenyaa hardhaaf kanan dubbiserraa kan isinii qopheesse kanuma.Yeroo gara biraammoo mataduree gara biraan isin dubbisiisa.Waan dubbistaniif Galatooma.Dubbisuun beekumsa namaa dabala !
Masqaluu Baalchaa tiin! http://T.me/etbisahusen

#ancient  history of oromo
#like
#share
1.0K views22916, 16:05
Open / Comment
2021-10-18 19:05:06 Oromoon damee kushii kessatti ramadama. Kush uummattoota bahaa Afrikaa kessaa, Afaan Kush kan dubatanidha.Kanaf Ormoon kushidha. Horoofi Oromon , hidda latiinsa Ormoo kessatti kan jalqabaati. Hiddi dhalootaa kun Horoo kaasee Raayyaa bira gaha. Ilmaan Rayyaa lamaan Maccafi Tuulamadha.Ragaalee hedduu hiddi Oromoo kush ta’u ibsan keessaa kittaabni qulqulluu isa tokko.Kitaabni qulqullun yeroo jalqabaatif Afaan Hiibruutiin bareefame.Sana booda gara Afan lammataatti yeero jijjiiramu, jeechi kush jedhu iddoo heedduutti barreffamee ture.Ummatni kush Gibtsii (Misira) duriirraa gara kibbaan naanoo Sudaan ammaarra, uummata qubatedha.Uummata qaroominaan sadarkaa olaanaa qabu ture. Qaroominni uummata kush adunyarratti qaroomina adda dure ture.
Maqaan kush jedhamu kan Itiyoophummaatti jijjiirame, yeroo kitaabni qulqulluun Afaan Hibrurraa gara Afaan Giriikiitti jijjiiramedha.Kitaabni qulqulluun, yeroo lammataa Afaan Giriikiiraa gara Afaan Gi’iiziitti jijjiiramu, guutumaa guututti kush Itiyoophyumaatti jijjiirame. Itiyoophiyaan ammoo Afrikaa kaabaa bahatti biyya Seem,Kush,Niloo Saharaafi, Omotikootaa taatee argamte.
Soochii Afrikaa kaaba bahaa
Afrikaa kaaba bahaatti gaaga’ama heddutu ta’aa ture. Kunniin kessaa Pershiyaanoonni,Otomaan Turkii, Araboonni,Roomaanoti weerartoota adda dure turan. Itoophiyaa keessattis Giraanyi Mohaamadiinis dabalatee, falmiitu ture.Falmiin kunis Kiristaanummaa, Musliimummaafi sirna Gadaa jidduuti kan adeemsifamaa turedha.
Hiddi Oromoo Raayyaa Oromummaasaatin, isaan kunniinii wajjin wal falmee, of ta’ee jiraate. Falmii kanaan Oromoon bakka sadiitti qoodame.Tokko Muslima,tokkommoo Kirstaana garri kaan ammoo aadaa ofi qabatanii sirna Gadaatiin of bulchuu jalqaban.
Oromoon Rayyaa Oromoota yeroo kana kessa dabranii of ta’anii hanga ammaatti Afrikaa kaabaa bahaa jiraataa jiranidha.Hiddi Oromticha Haroorraa ka’ee,Oromoo – Booranaa,Walaabuu jedhee Raayyaatti gala.Raayyaan ammoo goosota gurguddoo lamaan Maccaafi Tulamaa qaba. Maccaafi Tuulamaan ilmaan Raayyaati.
Qubsumaafi Hidda latiinsa Oromoo kaaba bahaa Afrika.
Qubsumniifi hiddi latiinsa Oromoo kaaba bahaarraa yoo ka’uu Raayyaan dursaadha.Seenaa irratti maqaan Raayyaa akka deddeebi’ee ka’uutti, Rayyaan adda dureedha.Rayyaan saboota ollaa isarra qubatan wallin,haariiroo haawaasumaafi diinagdee ciimaa qaba.Goosota Oromoo Itiyoophiyaa kaaba bahaarra qubatan keessaa iddoo olaanaa kan qabu Raayyaadha. Rayyaa kessatti ammoo maqaan olkaafamee himamu; Doobbaa, Marawwaa,Igayyifi Oflaa jedhamanidha Kanarraa ka’udhaan Oromotaa Afrikaa kaabaa bahaarra qubatan, damee gurguddoo lamaan qodaman ilaalun ni danda’ama.
1ffa. Waajirati maqaa jedhamuun kan beekaman Diddaa, Marawwaa, Ijuujjifi Oflaalidha.
2ffa. Asaboofi Qobboo kan jedhaman goosa lamaan kan qoodaman Oroomoo Raayyaati.
Oromon Raayyaa idoo qubsuma amma jiru kana erga jiraachuu jalqabee baroota hedduu dabarseera. Ragaan kanaaf erramuu ammoo seenaa sanda Abbaa amantaa Gadla Marqooriwoosi baresseedha.“ The Azabo “Galla” Oromo used to celebrate a Gada ceremony in the 14th century” jedhee barreeseera.
Hiikni isaatis;“ Oromoon Azaboo jaraa 14ffaa keessa, sirna Gadaa kabajaa ture” jechuudha.
Inni lamataa, Oromoon Raayyaa bakka amma jiraatu kessatti bara heddu waan dabarseef, ollootasaa kan ta’an saboota, Agawoo,Tigiraayifi Amaaraa wallin haariiroo haawaasummaa hedduu qaba.
Waan kana ta’eef hambaa aadaa ofiifi kan olloota isaarraa fudhatee jechoota saba lamarraa fudhatameen kan moogafaman; Ambaa Alaage kan jedhamu isa tokko. Iddon kun kan argamu kibba Waajjiraatitti yemmuu ta’uu, Tigirooti, Indartaa akka mana adabaatti( hidhatti) kan itti fayadamanidha.
Kan biraa ka’umsi isaanii kan Afaan Oromoo ta’e, iddoowwan akka Addee Gudom, Waajjirat, Makkoonee, Kooromee (Korom), Ashangee,Qiliishaa (Alaamaaxaa),Booran Haarraabee,Carcar, Dayyuu,Warra-Abayyaa,Gadaraa,Kuyyuu,Xummuugaa,Coobii,Caffaa,Gaattiraa,Haraallee, Gololoochee,Jaroota-gamaa,Ja’an-Jarootaa,Arangamaa (Haramgam) Baabboo Kormaa, Amayyaa, Gandoo -Mayyuu, Araaduu, Gura- warqee, Machaaree, Kukkuftuu, Nugusaa Gaale, Waajjaa, Cooree,Qaajima ,Qobboo, Roobit, Haaraafi kkf idoo
129 views22916, 16:05
Open / Comment
2021-10-17 18:29:03
Suuraa maatii mootichaa wallagaa
Jootee tulluu warqee.
1- tan karaa mirgaa teeysee Askale jootee,
(Haadha manaa lij iyaasu )
2- jaallee jootee tulluu warqee.
3-yashimebet Gumaa.
4- tsige sharew. http://T.me/etbisahusen
109 views22916, 15:29
Open / Comment
2021-10-17 18:24:49
Suuraa maatii mootichaa wallagaa
Jootee tulluu warqee.
1- tan karaa mirgaa teeysee Askale jootee,
(Haadha manaa lij iyaasu )
2- jaallee jootee tulluu warqee.
3-yashimebet Gumaa.
4- tsige sharew. http://T.me/etbisahusen
940 views22916, 15:24
Open / Comment
2021-10-16 23:53:09 Barreessaan Jams Bruce jedhamu akka ibsetti “yeroon ani Gondor ture namni beekamaan Daamoot Dajjazmaach Warenyaafi ilma isaanii Faasil kan jedhamuudha” jechuun jabeessee barreesse.

Dabalataanis Jams Bruce akka gabaasetti “Faasil Sanyii isaa gaafadhee akka naafhimetti abbaan isaanii akka Oromoo Maccaa ta’aniidha” jechuun ifa godha. Malkaa Abbayyaa cee’uun firoota isaanii Gindabarat keessa jiraataniin akka walitti dhufaniifi isaaniinis akka walbaran barreessaan kun ifa godhaniiru.
Walitti dhufeenyi Goojjamootaafi Oromoota Gindabarat, akkasumas mootota Goondor waliin ture kun yeroo rakkoon Goojjamitti cime Oromoonni firoottan isaanii Gindabaratiifi Horroo keessa jiranitti akka baqataaniif carraa gaarii uumee akka ture ni himama.
Kunis Oromoota malkaa Abbayyaa gara gadii turaniifi Oromoota Goojjaam keessa jiraatan gidduutti bara dheeraaf hariiroo gaarii akka uume huubachuun ni danda’ama. Keessattu Oromoota Horroo Guduruu waliin irra caalaa akka maatiitti waliif tumsaa akka turan ni himama.

Walumaa galatti Oromoon Booranaa gara kaabaa kun sirna bulchiinsa sanyiin dhaalamu, Islaamummaafi Oromummaan hundeessuun maqaa Muhammadoochii jedhamuun hanga bara 1916tti turaniiru.
Mootummaan warra Heebanoo Oromoo Walloo qindeessuun weerara warra Goondarootaa qixaan ofirraa dhorkaa turaniiru. Warra yejjuufis deeggarsa guddaa kennaa turaniiru. Garuu akka warra Yejjuu Habashoota aangoorraa ari’anii sirna bulchiinsa ofii jabeessuu irratti hagas cimoo miti. Irra Caalaa mootummaa giddugaleessa qabatanii Itiyoophiyaa bulchiinsa Oromoo gochuuf qabsoo qixxifachiisa kan godhan Yejjoota.
Yejjoonni Sirna bulchiinsa Kiristaanummaan ofgurmeessanii Sanyii bulchinsa Warra Seeh Yookaan Warra Sheek sochoo’aa turan.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa
Muddee 10/2010
Finfinnee http://T.me/etbisahusen
176 views22916, 20:53
Open / Comment
2021-10-16 23:53:09 Waa’ee Oromoota Goojjam kana beektuu laataa?
Yeroo ammaa Lafti Goojjaam jedhamee waamamu dur durii irra jireessaan Oromootatu irra qubatee jira. Yeroo booda garuu, dhiibbaa mootota adda addaatiin saboonni adda addaa gara kana dhufanii akka qabatan godhameera.
Oromoonni Goojjaam keessa jiraataa turan Oromoota Maccaafi Tuulamaati. Kibbaafi Lixa Goojjaamii kaasee hanga Haroo Xaanaa ga’utti Oromoon Maccaa kan qubate yoo ta’u (naannoo Agawu irraa kan hafe ) gara Bahaatti immoo irra jireessaan Oromoo Tuulamaatu irra jiraata.

Goojjaam gara Kibbaa hanga Haroo Xaanaa ga’utti kan qubatan gosa Oromoo Jaawwii yoo ta’an isaanis Jahan Jaawwii jedhamu.
Jahan Jaawwii kunneen hanga Suudaaniifi Goonder keessa hanga lafa Farxaa Danbiyaafi Fogaraa jedhamutti qubatanii jiru.Gara Kibba Bahaan immoo biyya Daamoot jedhamee beekamu keessa hanga Lumaamee, Dambalaa, Jijigaafi darbees hanga Maccaa ykn lafa Haroo Xaanaa ga’utti qubatanii jiraatu.
Oromoon gosa Tuulamaa immoo Goojjaam gara Bahaa Diimaa, Bichanaafi Mooxaa keessa hanga Gondor Walaqaafi Warrootaa ga’utti Oromoota Maccaa waliin walcina akka qubatan himama. Kanaas Afoolli maanguddootaafi maqaaleen lafaafi gosoota naannoo san qubatanii ni ibsa.

Kanaaf Goondor keessatti maanguddoonni yoo mammaakan “Kan Oromoorraa hindhalanne Tumtuu qofa” jedhu. Aadaa Oromoo keessatti naannoo wan Seera Gadaatiin buluu dhiisanii seera cabsan (morman) gosa tumtuu waan jedhamaniif akka Oromoodhaan walhinfuuneefi addaan fagaatan taasifama.
Oromoonni Goojjaam keessa jiraatan Kun kophaatti ofgurmeessuun garee Afreefi Sadachaan naannoo yeroo ammaa jiraatan: Buree, Wambaaraa, Yilmaafi Dheensaa(Kuttaayee Liban) Daamoot keessatti hammeenya mootummaa Goonderiin isaan irratti godhamaa ture rukutaa turan.
Dhawaata dhawaataan garuu firoomuufi soddoomuu mootummaa Goonderiin walqabatee Aadaa Oromoo kanta’e Sirna Gadaa dhiisuun akkuma Oromoota Daamootaa isaanis mootummaa ofii ijaaruu qaban. Mootonni Goojjaam keessatti beekamaa dhufanis Oromootumma naannoo san qubataniidha.

Qaccee Mootota Goojjaam
Mootii Bakaafaa
Walatta Israa’eel
Oromoo Daamootaa
Gammachuu/Abiddoo
Abeebee
Yosoodeeq ———————-+—————–Walatta
Israa’eel
Raas Hayiluu 1ffaa
Goshuu
Raas Tasammaa
Raas Aadaal (Nugus Takla Haymaanot )
Raas Hayiluu 2ffaa

Qaccee mootota Goojjaam kana yoo’ilaalle dhalootaan mootota Goondariin walitti haamakaman malee humana oromootaan Mootota Goondar ta’uun akka sochoo’aa turan seenaa iraa kan huubatamuudha.
Mootii beekamaan Bakaafaanis Goojjam Diimaa iddoo Yibabaa jedhamutti akka dhalateefi bakka haadha isaa Oromoo Tuulamaa akka ture seenaan ni addeessa. Intalli Mootii Bakaafaa Walatta Israa’eel kan jedhamtu, Yoosoodeeqitti heerumuun Raashayiluu 1ffaa deesse. Intalli Raas Hayiluu 1ffaa Dinqnesh kan jedhamtu Zawudeetti heerumtee Goshuu deesse.
Goshuun immoo Raas Tasammaa godhate. Raas tasammaan immoo Raas Adaal(Nugus Takla Haymaanot) godhate. Raasa Adal irraa kandhalate mootiin Goojjaam kan dhumaa mootiin Goojjam kan dhumaa Raas Hayiluu 2ffaa kan jedhamuudha. Kunis Mootonni Goojjaamifi Goondor dhaloonni isaanii ammam Oromoodhaan akka walitti makame agarsiisa.
Alaqaa Atsemeen seenaa Oromoo akka hintaaneen barreessanis Oromoota Goojjaamiin ilaalchisee yoo’ibsu “Mootonniifi Masaafintoonni Goojjaam Oromoota Amuruuti” jedhee barreessee ture. Kanarraa ka’uun Goojjaamonni harra nuti Oromoodha jechuu yoobaatanillee biyyiifi lafti Oromoo amma illee moggaasa Oromootiin kan waamamaniidha.

Barreessaan Bahiruu Taafilaa jedhamu gara biraatiin Abbaa biyyaa Goojjam kan ture Yoosoodeeq intala Mootii Goondor waanfuudhaniif Oromoonni Gojjam gartokkoon akka mootummaa Gondoritti makaman ibseera. Gojjam gara Bahaa hanga Jaarraa 19ffaatti duraan “Mangista Samaayaat” jedhamee waamamuun beekama.
Jaarraa 17ffaa iraa kaasee naannoo kana kan bulchaa kanturan Oromoota akka turan seenaan dubbata.
172 views22916, 20:53
Open / Comment
2021-10-15 21:10:19 Kutaa……………2ffaa
Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Anisimos Nasiib, nama biyya Oromoo” jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “ vowels ” torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.
Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal’isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf ny —> gn, …]
Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.
Qubee MARTIN MORENO
’ A B C Č D Ḑ0 E F G H I J K L M N Ñ O H Q R S Ṧ T Ṭ U W Y #ancient_history_of_oromoo Zhttp://T.me/etbisahusen
1.4K views22916, 18:10
Open / Comment