Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages

2022-08-05 21:53:32 Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa Tuulamaa baay’ee sarbamuu irraan kan ka’e addaan ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa. Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban. Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu, gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu. Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa gamma qopheessee laataaf. Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan haamu… Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu. Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha, alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu. Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha. Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu. Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa Shanan Tuulamaa Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama. Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha. Haa ta’u malee marsaan Gadaa naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne. Gadaan sagal haa jedhamu malee 10ffaan Gadaan Kiilolee jedhamu maqaan ni jira. Kitaabni “Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa. “Caffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taa‟in waggoota 360 ykn gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin taa‟in himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 = 1118 A.D jaarraa 12ffaa keessa akka caffeen deebitee Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebi‟e. Miseensi sadeen duraa of danda’an sun akka miseensa biraatti dabalaman ta‟e.” Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture, Taabor Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataa”jedhu keessatti bara gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e. 1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530 2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538 3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546 4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554 5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562 6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570 7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578 8. Gadaa Birmajii ………………1578 – 1586 9. Gadaa Mul’ataa ………………1586 – 1594 10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602 As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo kan barbaadudha. Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/ dacha’e kan armaan Gadiiti: Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma jirutti jira; Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u. @etbisahusen
329 views000, 18:53
Open / Comment
2022-08-05 21:53:32 #ancient_history_of_oromo. Tuulamni ilmaan sadii qaba:

Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan

Bacho: ilman 6 Qaba

Jiille:

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru. Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha. Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba. Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii. Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti.
1.3K views000, 18:53
Open / Comment
2022-07-31 19:30:26 https://t.me/ancient_history_oromoo/313
376 viewsKiyu, 16:30
Open / Comment
2022-07-17 18:57:23 #ancient_history_of_oromo. Seenaa Oromoo Kaaba Ityoophiyaa fi Akkoo Manooyyee/ Guddittii Gadi'aa Falasaa giiftii Oromoo
----------------------------------------------------
Seenaan Guddittti dheeradha. Akkoo manoyyee kan jedhamtu ishiidha. Oromoon abbaa irree jedheet ishii waama. Habashaan Yoodiit Gudiiti abbaa iree wareertuu jedheet hamma yoonaa ishii abaara. Seenaan Adunyaa leenca Giiftii Afrikaa jedheet waama.

Gosinni ishii Azaboo dha. Azaboon Asaboo ykn Ashaboo irraa dhufe. Jaarraa 9 keessa uummataa ijaartee waraana qopheesitee mootummaa Aksuma waraatee barbadeesitee angoo qabatteet waggaa 40 kaaba Itophiyaa Habashaafii Oromoo bulchite. Eega ishiin duutee motummaan hiddaZ-aguwee angoo ishii dhaaleet waggaa 333 kaaba Itophiyaa Oromoofi Habashaa bulchaa ture. Maqaan Zaguwee Z-Agaw yknZ-Hagahu irraa dhufe. Hagahu jechuun "haagahu" jechudha. Hagahu gosa Oromooti. Hortee kushi jedhameet waamama.

Mootummaan Za-agwee waggaa 333 keessa nugusoota 11 qaba. Maggalli isaanii Rohaa jedhama. Roohaan "Eddeessaa"tti jijjirame. Habashaan "Adeefaa" jedha. Booda "laalibalaa" tti jijjiirame. Laalibalaa jechuun "balaa ilaali" jechudha. Zaguween Taabota baayee ijaareet amantaa orthodoxii babaldhisaa ture. Taabota Laalibalaa dhagaa tokko irraa soqisee kan ijaare nugusa Oromoo Laaliibaladha.

Abbaa amanttii orthodoxii Oromoo dha. Oromoon Nubiyaa ykn Tigraayiif Eertraa keesa jiraatatan kiristinna kan fudhatan waggaa 40-78 AD keessa bara Giifttiin Oromoo Gandakee Gorsamee Guddichaa biyya bulchaa turtedha . Taabota hangafa Itophiyaa Tesyoon Maariyaam kan ijaare Gorsameedha. Habashaan Oromoo booda bara Ezanaa waggaa 493 amanttii kiristaana fudhate. 300 keesa fudhatan inni jedhamu soba. Ragaa በእትዮጵያ የተደበቀ አፓርታይድ ደራሲ ቡልቶ ሁበቺሣ ገጽ 573- 77

Akka seenaan ragaan bahutti amanttiin kiristaana handhuuraa (heritage) Oromooti. Amaara kan jedhamu durii calqabee 80% Oromoo afaan geizi fii amaariffa dubbatudha. Afaan Amaraa Geizi keessaa bahe. Amaariffi jaarraa 9 keessa afaan Agawu jehameet waamama. Ragaa

"Early Amharic, known as Agaw, emerged arroumd the ninth century as language of the agaw people." Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 14.

Oromoon Jaarraa 9 keessa siidaa akkoo manoyyee gubbaatti Amaariffan "አሸመ አዛቦ"jedheet barreesseera. Amariffaa fii Geizi kan Oromoo ta'uu baraa. Uummanni Amaara jedhamu 80% Oromooha. Jaraa 12 duraa kaasee Agawu Amaara dabalatee Oromoo kibba Goojjamiif kibba Shawaa amantii Kiristaana barsiisaa ture. Ragaa

"The Zagwe dynasty power came from its large army. Which helped it spread CHRISTIANITY in the Southern region of Gojjam and Shoa populations that included of Amhara received Christianity instructions. "

Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 248

Akkoo manoyyee ( Guddittiini) hidda Agawu gosa Azabooti.

Akkoon maqaa kabajaati. Maqaan ishii Guddittii Gaadiaa falasaa jedhama Abasiiniyaan maqaa Guddiittii dhokisiteet Gudiit yoodiit jette.

Gudditiin Tigraayi magala "Kubar" jedhamutti giiftii taate. Maqaan sa'a abbaakoo "Kubar" jedhamti. Bakkeen mooraan warana ishii "Gooba dheeraa" jedhama. Tigraayi keessatti argama.

Masaraan Oromoo naannoo Aksumitti argamu "Sado " jedhama .Giiftiin Oromoo Makiddaa Agabaas karaa baha Aksum kiiloo meetira 15 bakkee dunguruu Adee Qilxuutti awwalamte.

Source Ethiopia the unknown land, page 244,293, 289 by Stuart Munro-Hay Guddittin uummataa abboomteet dhagaa hammaa tulluu dhedheeratu baadhaa fidaa siidaa awwaalaa koo dhaabaa jette.

Uummanni dhagaa gugurdaa argitan kana gammoojjii irraa baatee fideet siidaa 7 dhaabe. Giddiittin siidaa kana gidduu magala Akksum irraa karaa dhiyaa awalamte.

Oromoon Guddittii abbaa irree akkoo manoyyee jedheet waama.Tigraayi biyya Oromoo ture. @etbisahusen
2.1K views000, edited  15:57
Open / Comment
2022-07-16 16:36:52
Qarshii online hojjechuu yoo barbaaddan group kana join godhaa

https://t.me/+SuB-kB_FH3szYjI0
403 viewsOro promotion, 13:36
Open / Comment
2022-07-14 18:16:15
#ancient_history_of_oromo. ይሄ Encyclopedia of AFRICAN HISTORY and CULTURE የሚለው መጽሀፍ የትኛውንም አይነት መረጃ እና ማስረጃ ያካተተ ሲሆን በገጽ 192 ላይ እንዲህ ይላል..
……………………………………………………………………………………
ከ 7,000 ዓመታት በፊት ኦሮሞ በኢትዮጵያ ይኖሩ እንደነበር
የተለያዩ የጥንት LANGUAGES ጥናቶች ያሳያሉ ።ከዚያ ባሻገር ኦሮሞዎች መነሻቸውን ከቱርካና ሐይቅ በሰሜን ምስራቅ ደረቅ ሳቫና እና በሸበሌ እና በጁባ ወንዞች አቅራቢያ ወደሚገኙት ደቡባዊ ደኖች ይኖሩ እንደነበር ያሳያሉ ፡፡በሺዎች ለሚቆጠሩ ዓመታትም የጎሳ ሥርዓቶቻቸው፣ የዘር ውርሳቸው እና ባህላዊ ስርዓታቸው መሰረት ኑራቸውም በአርብቶ አደርነት ላይ የተመሰረተ ነው።
በኦሮሞ ማህበረሰብ ውስጥም ከትውልድ ትውልድ የሚተላለፋ በተመሳሳይ እድሜ ላይ የተመሰረተ የተለያዩ ብዱኖች ፈጥረው በማህበረሰቡ ውስጥ ያሉትን ፖለቲካዊ ፣ ማህበራዊና ኢኮኖሚያዊ ጉዳዮችን ለመፍታት እንደ ጊዜ የድልድል ስርዓት ተብሎ የሚጠራውን የገዳ ስርዓት ይጠቅሟሉ ፡፡ እንደ ቦረና ኦሮሞ ያሉ ንዑስ ቡድኖች በስተቀር በ15 ኛው እና በ16 ኛው ክፍለዘመን እስላማዊ-ኢትዮጵያ ጦርነቶች እስኪያቋቁም ድረስ የአኗኗር ዘይቤያቸው በአንፃራዊ ሁኔታ ሳይቋረጥ ቀጥሏል ፡፡
……………………………………………………………………………………
የሀሳብ መደምደሚያ ፦"ኦሮሞ በአፍሪካ ቀንድ ከቱርካና ሀይቅ እስከ ጁባ ወንዝ ለሰባት ሺህ ዘመናት ተንሰራፍቶ የኖረ ማህበረሰብ " እንደሆነ ቅልብጭ አድርጎ አስቀምጦታል(ሶስት ሺህ ዘመን የተባለላት የሀሰት ትርክት ውሀ ሲበላት መጤው ደሞ ማን እነደሆነ ቢመርም ያስውጣቹሀል) @etbisahusen
877 views000, 15:16
Open / Comment
2022-07-13 00:05:29 يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُمْ مِنْ ذَكَرٍ وَأُنْثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِنْدَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ ۚ إِنَّ اللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٌ
Ya ayyuha alnnasu inna khalaqnakum min thakarin waontha wajaAAalnakum shuAAooban waqabaila litaAAarafoo inna akramakum AAinda Allahi atqakum inna Allaha AAaleemun khabeerun

O mankind, indeed We have created you from male and female and made you peoples and tribes that you may know one another. Indeed, the most noble of you in the sight of Allah is the most righteous of you. Indeed, Allah is Knowing and Acquainted.

Holy Quran-49:13
358 views000, 21:05
Open / Comment
2022-07-12 19:01:37 #ancient_history_of_oromo. Ona afran Qalloo !
--------------
Qubsumtti ilmaan afran Qalloo karaa kaaba- bahaatiin, gaara mixii fi Adda- galaa irraan as deebisii,hara Oowwaafi El- baha irraa kaasii hamma gaara jaldeessatti dur noolee irra qubachaa ture. San qofaa mitti, karaa kaaba - bahaa kanaan dawallee achii dabrii, Lafa Adeellee jedhamtu irraa kaasii, dur naannoo gaaraa meettoo kana gubbaa gostti meettaa akka irra qubachaa turteetu himama.
Naannawa gaara Nuunuu kana gubbaa Ammoo gosa nuunuu qubachaa ture jedhama.
Hamma Ammaa laftti tun hundi maquma kanaan waamamaa jirtti.haa tahu garuu hedduun isaanii naannoo somalee jala jiran.
Magaalaan jaldeessaa magaaloota gaanfa afrikaa keessatti jiddu gala daldalaa tahan keessaa takka.jaarraa dabran keessa, ona afran Qalloo keessaa magaalaa biyyoo Adareetti Aantee magaalaa ummanni hedduminaan keessa jiraatuudha. Haa tahu malee bara 1865 - 1870 G.C keessa lola gosoota somaleetiifi oromo jiddutti deemaa tureen namoonni hedduun magaalaa jaldeessaa keessa buqa'anii akka turan pillipp paulitschke kitaaba isaa kan bara 1888 keessa barreesse irratti ibsee jira. Haala San duraatiif ka achii booda oromo afran Qalloo irratti deemaa ture bifa armaan gadi kanatti kitaaba isaa irratti ibse, tomas Labahn afaan Germany irraa gara afaan ingiliiziitti bifa kanaan kitaaba isaa " the second international Congress of Somali studies ' - 1982 ( volume 2= the Archeology and history) jedhu irratti hiikee jira. Barruun pillipp paulitschke kun kitaaba Ulrich braukamper ( Islamic history and culture in southern Ethiopia) jedhu irrattiis ibsame jira.
" when the ( Somali) nomads advanced as far as mountain country, as in the Gurais ( gursum) and funyan bira hills ( the southern foot hills of the qundela chain ) their existence was transformed they became sedentary agriculturist, like the Girri and Bertilli, even where the somali today exert pressure on the oromo living north of harar incessantly wresting pieces of land from them. It appears that after they have pushed back the oromo their nomads cames to a stand still.the reason is that they gain control over places of commercial activities, such as " jaldeessaa "
and of stretches of land which have been rendered fertile and make it possible to cultivate '" durra.".. " ( pillipp paulitschke - 1888)
Suuraa = magaalaa jaldeessaa bara 1889 G.C . @etbisahusen
607 views000, 16:01
Open / Comment
2022-07-11 17:51:51 وَيَرْزُقْهُ مِنْ حَيْثُ لَا يَحْتَسِبُ ۚ وَمَنْ يَتَوَكَّلْ عَلَى اللَّهِ فَهُوَ حَسْبُهُ ۚ إِنَّ اللَّهَ بَالِغُ أَمْرِهِ ۚ قَدْ جَعَلَ اللَّهُ لِكُلِّ شَيْءٍ قَدْرًا
Wayarzuqhu min haythu la yahtasibu waman yatawakkal AAala Allahi fahuwa hasbuhu inna Allaha balighu amrihi qad jaAAala Allahu likulli shayin qadran

And will provide for him from where he does not expect. And whoever relies upon Allah - then He is sufficient for him. Indeed, Allah will accomplish His purpose. Allah has already set for everything a [decreed] extent.

Holy Quran-65:3
339 views22916, 14:51
Open / Comment
2022-07-10 20:19:39
#ancient_history_of_oromo. የ ወሎ የዘር ሀረግ☜ አዘጋጅ ፤miky sultan/wollo oromo.** የካም ልጆች ኩሽ ፣ፋጥነ ከነዓን ናቸዉ፣ ከነዚህ መሃል የወሎ የዘር ሀረግ ከኩሽ ይመዘዛል ኦሮሞ የ ኩሽ ዘር ነው። ወሎን ያቀኑት ስምንት ትልልቅ የ ኦሮሞ አባቶች ናቸዉ ፦ ወይም የ ባሬንቶ ልጆች ነበሩ ፤እነሱም ፦ 1. ወረ ባቦ 2. ወረ ኢሉ 3. ወረ ሂመኖ 4. ወረ ቃሉ 5. ወረ…
591 views000, edited  17:19
Open / Comment