2021-06-30 11:00:34
Ummanni siyaasaa fi waraanaan jaarame abadan diina jalatti hin jilbeenfatu. Yoo carraa seenaatiin al tokko cabellee cabee jilba diinaa jalatti hin hafu. Kanaaf ummanni Tigraay ragaa as dhihoo tokko tahuu danda'a. Gara Oromootti yoo deebine nutis waan lachuu hin dhabne. Guddina keenya hin madaalu tahullee, waraanas qabna. Hojii siyaasaatiinis qaramnee baanee diina moonee beeyna. Garuu rakkoon keenya humna lamaan walitti qindeeffachuu dadhabuu dha. Gaafa siyaasaadhaan injifanne san waraana laganne. Wanti amma mudanne kun akka dhufu beeknee tarsiimoo waraanaa fi siyaasaa waliin qindeeffachuu hanqachuun keenya hanqina ture. Kun dogoggora irraa baratamuu qabuu dha.
Ammas hin barfanne. Garuu hojii guddaatu nu eega. Waraanni siyaasaa malee, siyaasni waraana malee Oromoo hin humneessu. Dubbii carraa tahee Oromoon rakkoo lakkaahamee hin dhumne keessatti bilisummaaf falmachaa jira. Qubsumni geography keenyaa, heddumminni gantoota keenyaa, giddu gala siyaasaa biyyattii tahuun keenya, Oromiyaan qubsuma farroota dantaa Oromoo hedduu tahuun isihii, dubbiin Finfinnee, qorqalbiin hawaasa keenyaa fi kanneen biroo hedduun qormaata hamoo dha. Heddumminni akka sabaatti qabnu eebba Waaqaa tahuyyuu, hanga ammaatti gara humna heddummina keenya madaaluutti jijjiiramee nun gargaarre. Hanga ammaatti heddummina keenyarraa kan buufataa jiru diina. Kana jijjiiruu barbaachisa. Kanarratti yoo milkoofne Itoophiyaa dhiisii Afriikaarrattuu humni nu kajeelu hin jiraatu. Eebba Waaqaa kana humnatti jijjiirrachuuf gufannoowwan hanga ammaa keessa kunnerraa barachuun dirqama taha. Siyaasaa fi waraana keenya wal qindeeffachuu barbaachisa. Kan san booda dhufu hin ulfaatu.
149 viewsEebbisaa Caalaa, 08:00