Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages

2022-08-31 13:15:34
#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.


Yaa rabbi nu milkeessi.
77 views10:15
Open / Comment
2022-07-25 23:11:49
#Sahl Ibn Abdullah akkana jedha: "Wanta irraa dhoowwaman hojjachuu caalaa wanta itti ajajaman dhiisuun Rabbiin biratti badiin isaa guddaadha.

Sababni isaas, Aadam muka nyaachu irraa ni dhoowwame, garuu ni nyaate. Ergasii Rabbiin akka tawbatu isa taasisee tawbaa isaa isarraa qeebale. Ibliis immoo Aadamiif akka sujuudu ni ajajame, garuu sujuudu ni dide, Rabbiin akka tawbatu isa hin taasisne."

Kuni dhimma baay'ee barbaachisaa ta'eedha. Wanta Rabbiin dhoowwe dhiisu caalaa wanta Inni ajaje dhiisun Isa biratti badii guddaadha.

Kunis karaa adda addaatin mirkaanaa'u danda'a:

-Dhimma Aadamii fi Iblis ilaalchisee wanta Sahl dubbateedha.

-Yeroo baay'ee maddi wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu fedhii lubbuu fi haajaadha. Wanta Inni itti ajaje dhiisun yeroo baay'ee maddi isaa of-tuulu fi of-guddisuudhaWanta itti ajajaman hojjachuun soorata, faaya, qananii fi gammachuu qalbiiti.

Wanta itti ajajaman osoo hin hojjatin wanta irraa dhoowwaman dhiisu qofaan homaa hin argamu.


#sammuban.com
1.9K views20:11
Open / Comment
2022-07-20 02:14:09
Umar " Takkaa callisuu kiyyattii gaabbee hin beeku, garuu guyyaa hedduu dubbachuu koottii sheenawe"

#IDDOO 10 tti CALDHISI

1. Yeroo Qur'aanni Qara'amu Caldhisi. Yeroo Kan Si Uume Sitti Haasa'u Caldhisuun Milkaa'ina.

2. Dhibee Kee Dubbattee Nama Si Hubachuu Hin Dandeenye Biratti Caldhisi.

3. Waan Haasoftu Irratti Beekkumsa Yoo Hin Qabaanne Caldhisi.

4. Wollaalaa Akka Wollaalaa Ta'e Wollaale Biratti Caldhisi.

5. Haasofni Kee Sababa Waa Diiguu Akka Ta'e Gaaf Hubatte Caldhisi.

6. Yeroo Arrabni Kee Hammeenya Nama Biroo Dubbachuuf Jarjaru Hin Dubbatinii Caldhisi.

7. Yeroo Nama Aaree Sitti Fiigu Bira Geette Caldhisi. Wanti Nama San Qabbaneessu Caldhisuu Kee Qofa.

8. Yeroo Namni Gaarii Fi Yaadni Isaa Si Caalu Haasa'u Caldhisi.

9. Yeroo Namni Waa Si Barsiisu Caldhisi. Afaan Jecha Dhangalaasuun Jechi Hin Seenu Waan Ta'eef.

10. Bakka Caldhisuun Haasa'uu Caala Gatii Qabutti Caldhisi.
#A.Nasir fb
2.5K viewsedited  23:14
Open / Comment
2022-07-14 00:47:06
#Rakkoon sitti heddumaataa?

Gaddii fi rakkoon har'a keessa jirtu boru jabeenyaa fi muxannoo siif ta'aa abdii hin kutin. Namni rakkoon waxalamu akka warqii ibiddaan waddamuuti.

Warqiin yommuu lafa keessaa baafamu akka qulqullaa'u fi jabaatu ibidda keessatti gubama. Ibidda keessatti erga gubame booda xuriin irraa bahuun qulqullaa'a, akkasumas ni jabaata.

Haaluma kanaan, namni rakkoo adda addaa argus qalbiin isaa ni qulqulloofti, keessi isaa jabaa ta'a. Kanaafi, Nabiyyoonni namoota hunda caalaa rakkoon isaanitti rooba. Kunis isaan qulqulleessuu fi jabeessufi. Yaa jarana osoo rakkoon homaatu nu qunnamu baate, silaa nuuf dhumatte.

Rakkoolee ciccimoo keessa darbuun jabeenya akka sibiilaa arganna. Garuu kana yommuu jedhu, rakkoo hawwuu qabna jechuu miti. Eeyyeen, hanga danda'ameen rakkoo irraa dheessun wanta barbaadamudha.
Yommuu rakkoon nama qunnamu immoo gadi dhaabbanaa (sabaata), obsaa fi abdiiin barbaachisadha
.
2.6K views21:47
Open / Comment
2022-07-09 01:09:46
#Oolmaa ardii Arafaa 1443.
2.6K views22:09
Open / Comment
2022-07-08 07:27:13
#Guyyaa Arafaa.

#Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun
bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitti cimdeessee gaggabaabsee erga sagadee booda hang aduun seentutti du'aa'ii kadhata.

Erga aduun seentee booda Gara muzdalifaa deemee achitti maghribaa fi ishaa'ii walitti qabee gabaabsee sagadee, achuma bulee hanga lafti bari'utti tura yoo erga walakkaan halkanii darbee boda achirraa deema yookaa ni bula.

#Guyyaan Arafaa nama hajjirra jiruufi kaanifis.

• Guyyaa diliin namarraa haqamtu.

• Guyyaa gabroottan Rabbii hedduminaan
ibiddarraa bilisoomani.

•Guyyaa du'aa'iin isa keessaa hunda caaltu. Irra caalaan du'aa'ii (laa ilaaha illallahu wahdahuu, laa sharika lahuu, lahulmulku wa lahulhamdu, wahuwa ala kulli shey'in qadir).

•Guyyaa isa keessatti Rabbiin diin islaamaa nuu guute.

•Soomanni isaa badii waggaa lamaa tan
dabarteefii tandhuftu namarraa haqa (warra
hajitti hinjirreef barbaachisaadha).

• Guyyaa Rabbiin gabroottan isaatiin
malaaykatti dhaadatu.
2.8K views04:27
Open / Comment
2022-07-07 18:06:50
Soomni guyyaa Arafaa yakka waggaa darbeefi kan waggaa dhufuu namarraa harcaasa, jedhan nabi sallallaahu aleeyhi wasallam.

Arafaan guyyaa Jumu'aa boriiti.

Soomni guyyaa borii yakka waggaa lamaa namarraa harcaasa soomanuu haa soomnu inshaa'allaah.

تكفير ذنوب سنة قبله وسنة بعده قال رسول الله -صلى الله عليه وسلم- في حديث صيام يوم عرفة: (صِيَامُ يَومِ عَرَفَةَ، أَحْتَسِبُ علَى اللهِ أَنْ يُكَفِّرَ السَّنَةَ الَّتي قَبْلَهُ، وَالسَّنَةَ الَّتي بَعْدَهُ)
2.2K viewsedited  15:06
Open / Comment
2022-07-07 08:28:33
#Waajjira Muummee Ministeeraatti Muummeen Ministeeraa Dr.Abiyyi Ahmad waltajjicha hoogganuudhaan mariin geggeeffamee ture.

Hirmaattonni: Koree hojii raawwachiiftuu haarawa seeraan yaa'ii waliigalaatiin filatame, hooggantoota Majilisaa duraanii, koree saglan duraanii, pirezidaantota majilisoota naannolee
hundaa, Afayaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa(Paarlaamaa), hoogganaa paartii badhaadhinaa fi itti aanaa muummee ministeeraa, ministeera nageenyaa, komishinii
poolisa federaalaa, dhimma tikaa fi nageenyaa fi kkf.

Marii fi wol mormii cimaa booda kallattiin kaayame:-

1. Sh/Hajjii Ibiraahiim Tufaa fi H/Umar Zallaqaa walgargaaranii torbaan lamaaf Majilisa Federaalaa akka hoogganan.

2. Eida booda guyyaa 10 osoo hincaalle yaa'iin waliigalaa Sharaaton miseensota 300 of keessaa qabu akka waamamu.

3. Salaata Eidaa irratti salaata dura H/Umar akka du'aa'iin banan, salaata booda Sh/Hajjiin akka du'aa'iin cufanii fi Sh/Xaahaan akka salaachisu, Majilisni Finfinnee akka haala
mijeessuu fi hoogganu.

#Gazali Abafira
2.1K viewsedited  05:28
Open / Comment
2022-07-07 02:15:35
#Arafa, Jumuah & Eid Khateebs at Masjid Al Haram, Masjid An-Nabawi & Masjid Al Namirah.

Akka
Haramain.info gabaasetti.

• Kuxbaa guyyaa Arafaa kabajamaa zulhijjah 9 gaggeefamu Masjid Al Namirah Arafaattii kan kuxbaa gaggeessan Hogganaa
#Liigii Muslimoota Addunyaa kan tahan, Sheik Mohammad Bin Abdul-kariim Eisa.

• Salaataa Eid Masjid Al-Haramitti gaaf zulhijja 10ffaa kan gaggeessan Sheik Abdullah Juhany, Masjid An-Nabawitti ammoo Sheik Abdu-bari Thubaity.

• Kuxbaa Jum'aadhaa gaafa zulhijja 9ffaa Masjid Al-haram kan gaggeessan Sheik Maher Al-muayqali akkasuma Masjid An-Nabawi Sheik Ali Huzaifiin kan gaggeefamu taya.

#Yaa rabbi hiree teenyas nuuf taasisi ganda kabajaa sana dhaquu.

# haramaininfo # Hajj2022 # Hajj1443
1.9K views23:15
Open / Comment
2022-07-02 10:02:51 Hiikni isaa "Yaa Allaah ani gabricha keeti ilma gabricha keetiiti, ilmi garbittii keetiiti,sammuun koo harka kee jira,murtii narratti darbeera, murtiinkees murtii haqaati, maqaa kee hunda isaatiinan si kadhadha, kan ati ittiin of moggaafte, ykn kanati uumamakee keessaa nama tokko kan barsiifte, ykn kitaaba kee keessatti kan ati buufte, ykn beekumsa fagoo kan si malee homtuu bira gahuu hin dandeenye keessatti kan ati hanbifatteenin si kadhaa, qur'aana kana qabbana qalbii akka naa gootu, akkasumas ifa qoma kootii akka naa gootu, deemsisaa gadda kootii akka naa gootu,deemsisaa yaaddoo kootii akka naa gootun si kadha yoo jedhe, Rabbi yaaddoo isaatiif gadda isaa sana irraa deemsisee,bakka
isaa gammachuu buusuuf malee hin hafu" jedhan.
2.5K views07:02
Open / Comment