🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Kutaa……………2ffaa Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin go | ancient history of oromoo and oromia

Kutaa……………2ffaa
Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Anisimos Nasiib, nama biyya Oromoo” jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “ vowels ” torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.
Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal’isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf ny —> gn, …]
Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.
Qubee MARTIN MORENO
’ A B C Č D Ḑ0 E F G H I J K L M N Ñ O H Q R S Ṧ T Ṭ U W Y #ancient_history_of_oromoo Zhttp://T.me/etbisahusen