Get Mystery Box with random crypto!

Hattuu seenaa afaan soba baree Dhugaa dubbachuu hin feene Kan | Hacaaluu official

Hattuu seenaa afaan soba baree
Dhugaa dubbachuu hin feene
Kan lallaba isaanii osoo nuffinuu
Jaarradhaa jaarratti ceene
Dhugaa awwaalame qotee baasee
Haacaaluutu dubbate
Gaafas iccitiin fakkeessitootaa
Fuulletti bahee mul'ate
Seenaa xuraawaa barreessanii
Iyyanii lallabaniiru
Gaafa dhugaan abbaadhaf galtu
Nama faarsan dhabaniiru
Goonni ittiin dhaadachaa turan hundi
Qoratamnaan keenya ta'e
Zarraaf ye Balaay zar nanyi jechuun
Dubbiin jalaa fashalaa'e...
Ati nuuf agarsiistuu daandii dhugaati
Hoollachiistuu dabeessaa
Ati nuuf goota yeroo hundumaati
Haacaaluu ilma Hundeessaa!

#share

Join @IttiqaaTafari
@IttiqaaTafari