Get Mystery Box with random crypto!

@Inspire_Oromia GORSA !!! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Eenyummaa kee guutuu nam | Hacaaluu official

@Inspire_Oromia

GORSA !!!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Eenyummaa kee guutuu nama si hin fudhanne amansiisuf hin yaalin! Namni akkasii har'aaf
malee boru sin fayyaduuti.

➥ Guyyaa darbuuf jettee
waan hin darbine hin dubbatin!
➥ Barsiisaan kee inni sirriin dogoggora ati kaleessa hojjatte dha. Kanaaf isa kaleessa
dogoggorteen of dhiphisuu dhiisitii irraa baradhu!

➥ Jal'innii fi sobni ati har'a sobaa jiraattu jireenya kee qofa balleessuu utuu hin taane du'a
kee iyyuu ni fokkisiisu. Kanaaf gaarii yaadu fi gaarii gochuuf Kitaabota amantii dubbisi!

➥ Mukti firii baay'ee baatuu fi beekumsan namni sammuun isaa guutame tokko dha. Lamaan isaan iyyuu gad of deebisu. Kanaaf gaafa sitti
ho'ee akka of jajjuu wayii taatu sammuu kee keessa waa jirachuu isaa mirkaneeffadhu!

➥ Waan beektu hundumaa dubbachuun si irraa hin eegamu ta'a, waan dubbattu beekun garuu dirqama kee dha.

➥ Nama haasaa keetif gatii hin kennine jalaa cal jechuun deebii sirriidha. Kanaaf nama yeroo
baay'ee haasaa keetiin barsiisuf dhamaatee garuu haasaan kee bu'aa buusuu dide, al takka takka immoo callisuun kee isa barsiisa waan ta'eef calluma
jedhii usi!

➥ Namatti iccitii kee himuu keetin dura sirritti irra deddeebi'i itti yaadi! Sababni isaas har'a inni michuu kee fakkaatu boru deebi'e diina sitti
ta'uu danda'a waan ta'eef.

➥ Onnee bareedan tokko fuula bareeda 1000 caala. Kanaaf bareedina keessa keetii irratti
xiyyeefadhu!

➥ Yoomillee sababbii namoota hamootaatiif jettee nama gaarii ta'uu kee hin dhiisin. Jal'oonni
yeroo dhaaf malee suma isa gaarii hojjatu kanatu boru ol ka'ee dagaagee mul'ata.

➥ Waa'ee wanta hin beekne tokkoo dhaga'uu dhaaf malee haasa'u dhaaf hin ariifatin!

➥ Gara duubatti deebitee jalqaba kee jijjiiruu yoo
dadhabdes amma iddoo jirtu irraa kaatee garuu
dhuma kee jijjiiruu ni dandeessa. Kanaaf kaleessa kee dhiisiti har'a kee irratti xiyyeeffadhu! Sababni isaas kaleessi seenaa ta'e darbeera.
Har'i kee garuu si harka jira.

➥ Onnee sobaa qabattee hamma namatti dhiyaattu namoota onnee dhugaa qabatanii si eegan dhabdaati of eeggadhu! Dhiisime
simiidhati. Namni baay'een si hin beeku ta'uu danda'a kan
si hubatu garuu xiqqoo dha. Kanaaf warra si hubataniif iddoo kenni!

➥ Namni hamaan milkaa'ina isaarra kufaatii nama biraatu isa gammachiisa. Kanaaf namoota akkasii irraa fagaadhu!

➥ Waan of harkaa qabu kan hin beekne fi namni waa tokko illee hin qabne tokko dha. Kanaaf waan keessa kee jiruu fi hamma kee beeki! ati sooressa dha kan ormaa hin hawwin!

➥ Kolfi kee haala kee haa jijjiiru malee haalli kee akka kolfa kee hin jijjiirre of eeggadhu!


Ayyaanni siif haa baay'atu! gorsa kana hiriyyaa kee tokkoon ga'i!


Share share share
@Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia
JOIN