Get Mystery Box with random crypto!

Shafa’aa Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe  “Guyyaa qiyaamaa a | Al-risala-tube

Shafa’aa

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe
 “Guyyaa qiyaamaa ani dursaa ilmaan Aadam tahee kaafama. Namni jalqaba qabriin banamtuuf ana.

Namni jalqaba jaarsummaa (Mangudummaaa) ummata kootiif deemus, namni jalqaba jaarsummaan isaa qeebalamtus ana dha.” Jedhe.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ أَنَا سَيِّدُ وَلَدِ آدَمَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَأَوَّلُ مَنْ يَنْشَقُّ عَنْهُ الْقَبْرُ وَأَوَّلُ شَافِعٍ وَأَوَّلُ مُشَفَّعٍ
(Sahiih Muslim, 2278)

Guyyaa Qiyaamaa guyyaa namuu “…. nafsii…. nafsii…lubbuu too na baasi… lubbuu too na baasi…” jedhaa lubbuu ofiitiif qofa booyu sana Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad (ﷺ) garuu
“Ummatii! Ummatii! Ummata koo! Ummata koo!” jechuun ummata isaaniitif booyu.

Ummata isaaniitiif Jaarsummaa shafa’aa Rabbii guddayyaa fuuldura dhaabbatu.

Rabbiin warra guyyaa qiyaamaa Shafa’aa Rasuula  Rabbii (ﷺ) argatu nu haa taasisu!