Get Mystery Box with random crypto!

#Suuraa haala bareedaan kaafame, kan Maqaama ibraahim ibsuudh | Al-risala-tube

#Suuraa haala bareedaan kaafame, kan Maqaama ibraahim ibsuudha.

#Maqaama ibraahim jechaan: dhagaa nabi ibraahiim (a.s) hoggaa ka'abaa ijaaru irra dhaabbate, kan faanti isaa, dhagaa gurraacha tayuun waji keessa seentee, hanga ammaa jirtuudha.

Qur'aanaan :
"ﺇﻥ ﺃﻭﻝ ﺑﻴﺖ ﻭﺿﻊ ﻟﻠﻨﺎﺱ ﻟﻠﺬﻱ ﺑﺒﻜﺔ ﻣﺒﺎﺭﻛﺎ ﻭﻫﺪﻯ" ﻓﻴﻪ ﺁﻳﺎﺕ ﺑﻴﻨﺎﺕ ﻣﻘﺎﻡ ﺇﺑﺮﺍﻫﻴﻢ......"
‏(ﺁﻝ ﻋﻤﺮﺍﻥ 97-96: ‏)

#Manni dura dursoo Rabbiin bakka itti isa ibaadan bakka itti gara galanii salaatan ,dachi'iratti namaaf godhe, mana makka keessa jiru, sun ka'abaadha, {bakkata} jechuun, makka jechu', ka'abaan beytul maqdis dura, amata yookaa bara, afurtamatti jaaramte....

#Ammas Rabbiin akki jedhu:

" ﻭﺇﺫ ﺟﻌﻠﻨﺎ ﺍﻟﺒﻴﺖ ﻣﺜﺎﺑﺔ ﻟﻠﻨﺎﺱ ﻭﺃﻣﻨﺎ ﻭﺍﺗﺨﺬﻭﺍ ﻣﻦ ﻣﻘﺎﻡ ﺇﺑﺮﺍﻫﻴﻢ ﻣﺼﻠﻰ" ﺍﻟﺒﻘﺮﺓ 125

#Gaafa{ka'baa} makka keessa jirtu mana ibaadaa Rabbii, bakka namni itti wal gayee if amanu goone yaadadhaa, yookaa dubbadhu, Bakka nabi ibraahiim irra dhaabbatee ka'baa jaare, bakka salaataa godhadhaa, hoggaa kabaadhan yeroo torba naannoytan booda achtti salaataa.

#Rabbiin achi nuhaa dhaabu.