Get Mystery Box with random crypto!

#Haleellaa Israa’el Gazzaa keessatti raawwateen lakkoofsi Fala | Al-risala-tube

#Haleellaa Israa’el Gazzaa keessatti raawwateen lakkoofsi Falasxiinoota ajjeefamanii 213 gahe.
************************
#Humni waraana Israa’el magaalaa Gazzaa keessatti guyyaa haleellaa raawwachuu jalqabe irraa kaasee hanga arraatti daa’imaan 61 fi dubartoota 36 dabalatee Falisxiinoonni 213 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.

#Ministeeriichi ibsa guyyaa arraa baaseen lakkoofsi namoota madaa’anii immoo  1,442 gahu ibse.
Haleellaa humna xiyyaara Isra’eeliin may 10 irraa jalqabee Magaalaa Gazzaa fi naannawa isiitti raawwatamaa jiru kanaan, gamoowwan hedduunis barbadaayuu odeeyfannoon ni addeessa.

#Rokketoota Hidhattoonni Falisxiin irraa gara Isra’eealiitti dhukaasaaniin immoo Lammileen Isra’eel 10 ajjeeffamanii jiru.
Amnesty International ibsa baaseen, Humni qilensa Waraana Isra’eel manneen jireenyaa irratti haleellaa raawwataa jirachuu ibsuun,  goochi  raawwatamaa jiru ‘yakka waraanaatti’ jechuun balaaleffate. #Nh