Get Mystery Box with random crypto!

#Namni kuni uumama laafaa eeggumsatti haajamu, Rabbiin nama hu | Al-risala-tube

#Namni kuni uumama laafaa eeggumsatti haajamu, Rabbiin nama hunda maleykaa isa eegdu itti ramade.

#malaaykaa balaa namarraa eeydu.

#Yeroo garaa haadhaa jiran, Yeroo ijoollummaa fi Yeroo hirribaa, akkasuma yeroo mara, maleykaa nama eegduutu namaan wajji jira.

#Ammas malaaykaa dalagaa namaa eydu, tan gaarii fi hamtuu katabduutu, nama maraa wajji jira.

#Wanni Rabbiin malaa'ikaa nama eegdu nama hundaa godheef, namaatu uumama laafaa tikatti haajamu jechaafi.

#Mee gaafa inni garaa haadhaa keessa jiru laalaa isaatu waan isa miidhu ifirraa dhoowwee?

#Gaafa inni joollee yookaa hoggaa rafu isaatu of tiysee? dhugaa yoo laalle namni laafa.

#Namni laafina ifii baruu fedhe akkaataa itti uumame haa laaluu waan irraa uumame haa laaluu, achiraa laafina ifitifi, jabeenya Rabbii isaa hubata. Rabbiin akki je'e suura tariq [4-6]

ilImi namaa, waan irraa uumame qalbiin haa laaluu, hoggaa san gorfamaa.

إِن كُلُّ نَفۡسٍ لَّمَّا عَلَيۡهَا حَافِظٌ

فَلۡيَنظُرِٱلۡإِنسَٰنُ مِمَّ خُلِقَ | خُلِقَ مِن مَّآءٍ دَافِقٍ