#Guyyaa Arafaa. #Warri hajjii irra jiru, Guyyaa 9ffaa aduun bahuurraa kaasee Gara Arafaa deemee sagada zuhuriifi asrii walitti cimdeessee gaggabaabsee erga sagadee booda hang aduun seentutti duaaii kadhata. Erga aduun seentee booda Gara muzdalifaa deemee achitti maghribaa fi ishaaii walitti qabee gabaabsee sagadee, achuma bulee hanga lafti bariutti tura yoo erga walakkaan halkanii darbee boda achirraa deema yookaa ni bula. #Guyyaan Arafaa nama hajjirra jiruufi kaanifis. • Guyyaa diliin namarraa haqamtu. • Guyyaa gabroottan Rabbii hedduminaan ibiddarraa bilisoomani. •Guyyaa duaaiin isa keessaa hunda caaltu. Irra caalaan duaaii (laa ilaaha illallahu wahdahuu, laa sharika lahuu, lahulmulku wa lahulhamdu, wahuwa ala kulli sheyin qadir). •Guyyaa isa keessatti Rabbiin diin islaamaa nuu guute. •Soomanni isaa badii waggaa lamaa tan dabarteefii tandhuftu namarraa haqa (warra hajitti hinjirreef barbaachisaadha). • Guyyaa Rabbiin gabroottan isaatiin malaaykatti dhaadatu. 2.8K views04:27