🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Jaal Guutamaa Hawaas (1945-1994) Jaal Guutamaa Hawaas magaan | ancient history of oromoo and oromia

Jaal Guutamaa Hawaas (1945-1994)

Jaal Guutamaa Hawaas magaan dhaloota isaa Jamaal Roobalee ti. Gooti Oromoo kun bara 1945 keessa abbaa isaa obbo Roobalee Daadhii fi haadha isaa aadde Gaashoo Tofoo irraa  Oromiyaa Kibba bahaa kutaa Arsii, Konyaa aa Guuguu, aanaa Gololchaa, Araddaa Ashuttee ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga’eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1 ffaa hanga 4ffaatt kan barate yoo ta’u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa (Li’ul Mokonnin jedhamutti baratee xumure. Akk barnoota isaa xumureenis waaijira “Bunnaa Boordii” jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas birkii Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessa yeroo muraasaaf hojjete ramadamte. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975 hanga 1977 tti naannoo Arbaa Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa tahee hojjateera. Maayyii irratti bara 1978-1979 ti konyaa Arbaa Guuguutti gaafatamaa dhimma ummata (Hizbi Dirijjit) ta’ee hoijete. Haa ta’uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba uu fi galuu isaa waan hordofuu abeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi ee hojjechuu jalgabe.

Jaal Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hujii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABC waan tureef, achuma keessa hujii dhaabaallee (ABO) lafa jalaan hojjataa ture. Kuni illee, Maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hoijataa ture Miseensonni quba qabeennaa fi gajeelfama isaatiin karaa naannoo inni hoijatu keessa qaxxaamuranii gaaratti bahan keessaa akka fakkiitti yoo tudhanne ayyu Duree ABO yeroo sanii J/Bariisoo Waabee (Magarsaa Bari), Kinfa-Mikaa el Hindheessaa, Ahmad Bunaa (Goota Bobbaas), Baaroo Tumsaa, Abbaas Biyyaa Roobaa fi kan kana fakkaatantu keessatti argamu. Miseensonni gaafa san akka hiriyyaatti isaan walbeekanii fi waliin mana barumsaa irra turan, kanneen amma lubbuun jiran Obbo Ahmad Huseen, Maammee Adii, obbo Huseen Aadam fi obbo Jayluu Abobakar faa rraa seenaa duubbee isa caalatti qorachuu fi baruun ni dandayama.

Hojii qabsoo ka inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeefis maayii irratti innilleen. diina jalaa baafatee gaara seenuu fi guutuu guutuutti hojii qabsoo irratti hirmaachuun dirqama itti taye. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti dirretti bahe. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanitti eegalamee waan jiruuf, rakkina tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo ka naannoo sanitt ramadamee bobba aa jirutti makamuu dandaye Obbo Guutamaan eega jaallan saa dura gaara jiranitti makamee dirqma qabsoo ka dhalootaan Oromoo tayuu isaan irra jiruu fi gama dhaaba isaan hoji sadarkaa gara garaatti itti keennamu mara amanamummaa fi gaafatamummaa guutuun hojjataa ture. Obbo Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti gaafatama dhaabaa ka gara garaa irra ture. Gaafatamni kunillee Bara 1979 irraa kaasee haga 1984-tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanitti Godina Kibba-Bahaa ka jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo Ona(Aana) Daaroo-Labuu ka dabalatuu fi of keessaa qabu jechuu dha. Yeroo kana koree keessatti gaafatamni isaa gaafatamaa hojii hawaasummaati fi Kibba- Bara 1983 Jila miseensota ABO Godinoota Bahaa Bahaa irraa yaamamee fi hogganoota ABO ka wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka raaree Aadam Boruu jedhamutti taa’e irratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO (member of centeral committee of OLF) tayee filame.

Bara 1984 keessa baruman itti aanu walgahii Koree Jidduu 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa e irratti gaafa Waajjirri Siyaasaa ABO (OLF Political Bureau) jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa member of Political Bureau) tayee filame. Achumaan mataa Damee Hawaasummaa ABO tayuun ramadame.