🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga G | ancient history of oromoo and oromia

Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophii irra jirutti miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO tayee gaafatamummaa Itti-aanaa fi diinaggee koree kanaa fudhatuun ramadamee hojjate Kora irratti ammoo, marroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa tayee filame. Achumaan mataa Damee Diinaggee ABO tayuun ramadame. Bara 1991 yeroo mootummaa cehumsaa keessa ABOn seene, hirmaata hujii ka hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhate irratti miseensa mana marii (member of parliamen) fi gaafatamaa Godina Kibbaa tayee ramadame Bara 1992 yeroo ootummaa Cehumsaa keessaa ABOn bahetti gaafatamuma kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi’ee maroo lammaffaaf gaara seene akkuma beekamus yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Sha’abiyaa human isaani walitti qindeeffachuun waraana.

Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsi isuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Eblia 12 bara 1994 ttis kultaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamu irratti Waraanni Wayyaanee fi Sha’abiyaa kun lola guddaa WBC irratti bana niin lola hadhawaa guyyaa sad’iif ta’e keessatti akka gootaa lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebila l4 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola irratti tayeen diinaan marfamee harka koo diinatti hin kennu jechuun boonbii ofitti dhoosanii jaallan isaa arfan yer waliin turan waliin wareegaman. Isaan keessaa namni ba’ee fi qabamellee hin turre.

Lafa gammoojjii kan akka malee howuu fi bishaan hin qabne keessatti lola sana jalaa Jaal Guutamaa milkisanii baasuuf araanni guddaanii fi kan karaa beekan itti bobbafamanii wareegamni guddaan itti ba’ellee madaala humnaan garuu milkaa uu hindandeenye ture. Miseensonni ABO yeroos obbo Guutamaa Hawaas wali in turan keessaa hang tokko; obbo Wayyeessaa (Qaasim Mohammad Korboo) jedlama Dhaloonni jaala kanaa kutaa naannoo Roobee, bakka Kabiira ture. Jaalli, obbo Qondaala waliin wareegame kun miseensa buleessaa fi dhaabaa ka yeroo gara garaa gaafatama ulfaataa huji siyaasaa, dinagdee, qunnamtii fi kkfra yeroo gara garaatti fudhatee hojjataa ture yoo tayu, yeroo saniif ka obbo Guutamaa biratti ramadameef. nama kara fi biyyallee qajeellotti beekuu fi jaala baraarsuu dandaya jedhamee akka itti gaafatamaatti itti dabalamee dha Qabsooftuu biroon ka Jaal Guutamaa waliin wareegamte aadde Qananii jedha Dhaloonn isii kuta Shawaati Dubartoota qabsoo Oromoo keessaa da fudhatan keessaa dubartii akkaan murannoo fi hubannoota qabsoo qabdu yoo taatu, yeroo rakkisaa ka bara 1992-4 keessa duulli ayyaanee WBO-tti hammaate keessatti gara kuteennaan sodaa fi bir aa tokko malee lafoota rakkisoo diinni marsee nu eeggatu keessatti hulluuxee garaacha diinaa seenuun WBO ta jiraachisaa turteedha. Kan sadaffaa obbo Tasfahun kan naannoo dhiha Oromia Wallaggatti dhalatee fi arfaffaan Galataa kan iedhamuu fi dhalootan Baale ta’aniidha

Miseensonni kun miseensota ni gabu keessaa. miseensota buuleyyii, jajjaboo fi qabsoo irra jiramu irratti urjii tayanii maan geegessaa turan tayuu isaanii osoo hin kaasin bira dabarru hin dandeennu. Lolli obbo Guutamaan keessatti wareegame kun, lola guddaa fi hadhaawaa hiriyyaa hin qabne ture. Guyyaan 3 guutuu waraanni miillaa ka lakkoysa guddaan itti duulce wal marroo yoo murni tokko dadhabu, kaan isaan irratti wal dabarsaa isaaniin lolaa ture, ture. Wara qilleessaa ammoo xiyyaaraan nyaataa fi bishaan, hidhaannoo fi madoo isaa guuraafii ture. Lola san keessatt milkii fi in jifannoon kan WBO ture, Miseensota akka obbo Guutamaa qaqqaaliin haga okko WBO irraa haa wareegaman malee diina irra hoong ahe guddaadha. Gama diinaatii araanni lola atti WBOn ajjeefamee fi madeeffame malce ka akkanumatti gaara keeessatti faca’ee hafee bineensaa fi allaattiin reeffa saa nyaatte, ka hidhannoo isaa ummatni Oromoo bosona keessatti irraa guurate nama 60 ol ni taya. Ka rasaasa WBOn mate lakkooysi isaa haga hin qabu.