🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Humni guddaan isaan irratti duule Sun yeroo achii galutti birg | ancient history of oromoo and oromia

Humni guddaan isaan irratti duule Sun yeroo achii galutti birgeediin tokko ka nama 10,000 of keessaa qabu sababa kanaan guututti kan irraa diigame ture. Namni naannoo fi lola san keessa hin turin hat enna ola kanaa kanarraa hubachuu fi baru ni dandaya jechuudha.

Jaal Guutamaa Hawaas, naannoon inni yeroo duraatii qabsotti gadi bahee fi keessa hojjachaa tur naannoma ufi keessatti dhalate waan tayeef bara 1979-85 tti sababaa fi maqaa isaatiin warraa fi maatii ka keessaa dhalate dabalat ummanni Oromoo ka naannoo anii fi hiriyyoonni Isaa ee osoo hin hafin diinaan ajjeefamanii lafarmaa Amaar duguugamaa turan. Obboleessa isaa Muhaammad Roobalee Daadhii bara 1980 keessa Magalaa Abboomsa keessatti diinni ajjeese, akkasuma Obbolectti isaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji’a Ramadaanaa keessa eddoo Dande jedhamuttu bakka looniin godaantet ganama manaa fudhanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi in dararaa erga oolan booda naannawa manaa deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman Namoonni gaheeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaa, mana keessatti ibiddaan gubaman fi bakkoota gara garaatti ajjeefamuun awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaatc toora nama 500 oliiti.

Qabeenni mana keessa gubamee hori in baroota kana keessa diinaan saamame miliyoonaan lakkawama. Sanyii lafarraa duguuginsa ilma namaa ka naannoo sanitti di inni magaa J/Guutamaa fi ABOn ummata keenna irra geese barruu gabaabduu fuula tokkoo lamaatiin himaanii fixuun hin dandayamu. Gochaan kun ka yeroo fi qorannaa dheeraa barbaadu waan tayeef hayyoon Cromoo seenaa qoratanii fi barreessan dhimma kana qoratanii dhugaa jiru sabaaf akka baasanii carraa kanaan gaafanna.

Jaal Guutamaa Hawaas, haga yeroo dheeraa falmaa qabsoo bili summaa Oromoo keessa ture keessatti, hujii inni hojjataa ture, huji boonsaa fi seena qabaassa, ka namni tokkollee hammeennaa fi ir’oomina irra himuu hin dandeenne tayuu isaattu ture. Eennummaa fi amaloota mataa fi hujiif ka jaalli kun addatti qabu keessaa haga tokkollee tayu akka itti aanu kanatti ragumaaf dhiheessina. Jaal Guutamaan nama umma guddaa qabu waan tayeef, hawwiin isaan saba Oromootiif qabu tarrisanii fixuun namatti ulfaata. Ummataa fi ilmaan Oromoo ka miseensota dhaabaa tayan mara ija tokkoon ilaala, akka tokkotti yaadaafilleedha. Obbo Guutamaan nama mooyxannoo hojii yeroo dheeraaf qabu waan tayeef hujii fi gaafatama itti kenname sirnaa fi qulqulluminaan hoijeta Obbo Guutamaan, amalaa fi mooyxannoo hooggana tokko irraa eegamu guuttatee nama qabu. Nama waan ufii isaatii hin goone, miseensaa fi hooggana biraatiin godhi jedhuu miti. Sirna talifaa waan beekuuf, nama hujii fi miseensota hoogganullee sirnaan hoogganuu fi toohatee bulchuuhdha.

Jaal Guutamaan homa mara keessatti ifaadha. Nama sodaatee (zigaalee) gora, dadhabbii, akkasuma shira jiruu fi….kkfn miseensota, anootaa fi abbuma fedhe irratti yoo argu osoo jalaa hin dhoksin ifatti itti nama itti himu. Jaalli kun, nama ufii sirnaa fi seeraan bulee namni biraallee akka sirnaa fi seeraan bulu nama jaalatu. Namni sinnaa fi seeraan hin bulle isa biratti gatii fi bakka hin qabu Jaal Guutamaan, barsiisaadha. Haga dhaaba keessa turetti, ka inni ittiin beekamu barsiisummaani. Hogganoota ABO ka miseensotaa fi ummata orolmoo dhihaatanii barsiisuu fi guddisuu jaalatanii fi barsiisaa turan keessaa nama hangafaatii fi hiriyyaa hin qabne. Hojii fi barsiisuu irraa ar’a xiqqoo isii na dhukkuba” jedhee hin boqatu. Miseensonni inni barsiisee mooyxannoo hujii sadarkaa garagaraa itti hore herregayyuu hin qaban. Jaal Guutamaan qulquillummaa jaalata. Qulqullummaa qaamaa, hoji naannoo fi…kkfn mara. Yeroo hunda ka inni namootaan irratti waldhabulleen kanuma. obbo Guutamaan masluufummaa, dan ta-dhablummaa, maal of golummaa nadhibummaa ayyaan-laallattummaa walumaa galatti amaloota farra warraqsaa hin jaallatu; itti duulaa ture. Namni inni jaallatu nama amaloota warraagsaa qabu qofa.