🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Jaal Guutamaan murataa fi na man waan takka murteeffate inraa | ancient history of oromoo and oromia

Jaal Guutamaan murataa fi na man waan takka murteeffate inraa of duuba hin deebineedha. Umurii maanguddummaatiin osoo dhukkubsatuu wareegni inni qabsoo Oromoo irratti baasellee kanaan walqabata. “Ani umrii kanaan ammaa achi lama hin tayu, Oromiyaa fi WBO gaaratti dhiisee baqat diinaatiif jecha biyyaa hin bahu asummattin wareegama osoo jedhuu wareegamee kufe. Yeroo mootummaa Cehumsaa keessaa bahamutti akkuma jaallan hogganoota ABO ka hafani osoo hiree alatti bahuu qabuu fi dandayanii dhiisuun marroo lammataatiif gaaratti deebi an Jaal Guutamaan, sobaa fi kijiba hin beeku: nama sobullee hin jaallatu. Namni kijibuu jaala isaatii miti. Haga feete had hooytuu fi jibbamtullee dhugama dubbachuu jaallata. Jaal Guutamaan goota; bakka laalee rraa jechaa fi gochaanillee sodaaf jecha of duubatti irraa hin deebi’u.

Jaal Guutamaan bashaasha. ama booharee nama booharsuudha. Yeroo akkas miseensa isaan addaan filatan hin jiru. Miseensota dhaabaa guddaa fi xiqqaa mara akka abbaa, obboleessaa, ilmaa fi hiriyyaatti taphata. Namni inni irraa qoorrifatu hin jiru. yeroo fi bakka hojiitti ammoo taphaa fi cooraan hin beeku. Isa biratti wanti martuu bakkuma isaa qaba.

Jaal Guutamaan hoggana qofaa osoo hin taane, ilmaan Oromoo ka qabsoo keessatti hirmaatan maraaf akka abbaa fi hadhatti yaaduu fiin kunuunsaa ture. Ilmaan Oromoo mataa qaqqabee kada are daara baasuu, ka xuraawe nafa irraa. dhiqunu fi rifeensa irraa haaduu ykn filuufii, ka beelye nyaachisee obaasuun akka abbaa fi haadhatti tajaajiluu ture Dirreen qabsoo, dirree gammachuuti malee dirree gaddaatii mitii maalif of gadi qabdan? Gammadaa taphadhaa” hamilee isaanii ol kaasuun jajjabeessaa ture. Ummata Oromoo, ummata ormoolee haaluma kanaan horataa ture. Yeroo mara dhimma mataa isaatiif osoo hin taane sababa miseensotaa fi ummata kanaatiin hogganootaa fi gondaalota dhaabaa maraan wal lolaa jiraachaa ture. Haalaa fi qabaan gaariin ka inni miseensotaa fi ummata keennaaf godhaa ture, hogganoota dhaabaa ka wali in jiru mara biratti dinqisiifannaa guddaa kan uumsiseef ture. Jaal Guutamaa Hawaas abbaa intala tokkoo ture. Intalti isaanii Aadde Biiftuu Guutamaa jedhamti. Aadde Biiftuun yeroo ammaa kana biyya Awustraliyaa keessa jiraatti.
Qabsa’aan ni kufa, qabsoon itti fufa!
Madda:  kitaaba Goota Oromiyaa T.me/etbisahusen