🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Oromoon damee kushii kessatti ramadama. Kush uummattoota bahaa | ancient history of oromoo and oromia

Oromoon damee kushii kessatti ramadama. Kush uummattoota bahaa Afrikaa kessaa, Afaan Kush kan dubatanidha.Kanaf Ormoon kushidha. Horoofi Oromon , hidda latiinsa Ormoo kessatti kan jalqabaati. Hiddi dhalootaa kun Horoo kaasee Raayyaa bira gaha. Ilmaan Rayyaa lamaan Maccafi Tuulamadha.Ragaalee hedduu hiddi Oromoo kush ta’u ibsan keessaa kittaabni qulqulluu isa tokko.Kitaabni qulqullun yeroo jalqabaatif Afaan Hiibruutiin bareefame.Sana booda gara Afan lammataatti yeero jijjiiramu, jeechi kush jedhu iddoo heedduutti barreffamee ture.Ummatni kush Gibtsii (Misira) duriirraa gara kibbaan naanoo Sudaan ammaarra, uummata qubatedha.Uummata qaroominaan sadarkaa olaanaa qabu ture. Qaroominni uummata kush adunyarratti qaroomina adda dure ture.
Maqaan kush jedhamu kan Itiyoophummaatti jijjiirame, yeroo kitaabni qulqulluun Afaan Hibrurraa gara Afaan Giriikiitti jijjiiramedha.Kitaabni qulqulluun, yeroo lammataa Afaan Giriikiiraa gara Afaan Gi’iiziitti jijjiiramu, guutumaa guututti kush Itiyoophyumaatti jijjiirame. Itiyoophiyaan ammoo Afrikaa kaabaa bahatti biyya Seem,Kush,Niloo Saharaafi, Omotikootaa taatee argamte.
Soochii Afrikaa kaaba bahaa
Afrikaa kaaba bahaatti gaaga’ama heddutu ta’aa ture. Kunniin kessaa Pershiyaanoonni,Otomaan Turkii, Araboonni,Roomaanoti weerartoota adda dure turan. Itoophiyaa keessattis Giraanyi Mohaamadiinis dabalatee, falmiitu ture.Falmiin kunis Kiristaanummaa, Musliimummaafi sirna Gadaa jidduuti kan adeemsifamaa turedha.
Hiddi Oromoo Raayyaa Oromummaasaatin, isaan kunniinii wajjin wal falmee, of ta’ee jiraate. Falmii kanaan Oromoon bakka sadiitti qoodame.Tokko Muslima,tokkommoo Kirstaana garri kaan ammoo aadaa ofi qabatanii sirna Gadaatiin of bulchuu jalqaban.
Oromoon Rayyaa Oromoota yeroo kana kessa dabranii of ta’anii hanga ammaatti Afrikaa kaabaa bahaa jiraataa jiranidha.Hiddi Oromticha Haroorraa ka’ee,Oromoo – Booranaa,Walaabuu jedhee Raayyaatti gala.Raayyaan ammoo goosota gurguddoo lamaan Maccaafi Tulamaa qaba. Maccaafi Tuulamaan ilmaan Raayyaati.
Qubsumaafi Hidda latiinsa Oromoo kaaba bahaa Afrika.
Qubsumniifi hiddi latiinsa Oromoo kaaba bahaarraa yoo ka’uu Raayyaan dursaadha.Seenaa irratti maqaan Raayyaa akka deddeebi’ee ka’uutti, Rayyaan adda dureedha.Rayyaan saboota ollaa isarra qubatan wallin,haariiroo haawaasumaafi diinagdee ciimaa qaba.Goosota Oromoo Itiyoophiyaa kaaba bahaarra qubatan keessaa iddoo olaanaa kan qabu Raayyaadha. Rayyaa kessatti ammoo maqaan olkaafamee himamu; Doobbaa, Marawwaa,Igayyifi Oflaa jedhamanidha Kanarraa ka’udhaan Oromotaa Afrikaa kaabaa bahaarra qubatan, damee gurguddoo lamaan qodaman ilaalun ni danda’ama.
1ffa. Waajirati maqaa jedhamuun kan beekaman Diddaa, Marawwaa, Ijuujjifi Oflaalidha.
2ffa. Asaboofi Qobboo kan jedhaman goosa lamaan kan qoodaman Oroomoo Raayyaati.
Oromon Raayyaa idoo qubsuma amma jiru kana erga jiraachuu jalqabee baroota hedduu dabarseera. Ragaan kanaaf erramuu ammoo seenaa sanda Abbaa amantaa Gadla Marqooriwoosi baresseedha.“ The Azabo “Galla” Oromo used to celebrate a Gada ceremony in the 14th century” jedhee barreeseera.
Hiikni isaatis;“ Oromoon Azaboo jaraa 14ffaa keessa, sirna Gadaa kabajaa ture” jechuudha.
Inni lamataa, Oromoon Raayyaa bakka amma jiraatu kessatti bara heddu waan dabarseef, ollootasaa kan ta’an saboota, Agawoo,Tigiraayifi Amaaraa wallin haariiroo haawaasummaa hedduu qaba.
Waan kana ta’eef hambaa aadaa ofiifi kan olloota isaarraa fudhatee jechoota saba lamarraa fudhatameen kan moogafaman; Ambaa Alaage kan jedhamu isa tokko. Iddon kun kan argamu kibba Waajjiraatitti yemmuu ta’uu, Tigirooti, Indartaa akka mana adabaatti( hidhatti) kan itti fayadamanidha.
Kan biraa ka’umsi isaanii kan Afaan Oromoo ta’e, iddoowwan akka Addee Gudom, Waajjirat, Makkoonee, Kooromee (Korom), Ashangee,Qiliishaa (Alaamaaxaa),Booran Haarraabee,Carcar, Dayyuu,Warra-Abayyaa,Gadaraa,Kuyyuu,Xummuugaa,Coobii,Caffaa,Gaattiraa,Haraallee, Gololoochee,Jaroota-gamaa,Ja’an-Jarootaa,Arangamaa (Haramgam) Baabboo Kormaa, Amayyaa, Gandoo -Mayyuu, Araaduu, Gura- warqee, Machaaree, Kukkuftuu, Nugusaa Gaale, Waajjaa, Cooree,Qaajima ,Qobboo, Roobit, Haaraafi kkf idoo