🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Ooromoon Raayyaa qubate kanatti kan mogaafamanidha.Jeehoota Af | ancient history of oromoo and oromia

Ooromoon Raayyaa qubate kanatti kan mogaafamanidha.Jeehoota Afaan Oromoti (kittaba seena oromo Jara 16ffa fula 292.maxxansa 1996. Maxxansa 1998 ful.286)
Karaa garabiraatiin burqaansaanii aadaafi Afaan Oromoo ta’ee, naannoo saboota Amaaraafi Tigiraayitti baldhinaan kan dhaga’amu,sirbiifi weedduun akka geerarsaa gootaafi gootummaa Afaan Oromootiin yeroo faarsan akkas jedhu
“…Haayi ! haayi !haayi !
Korma gaafa lolaa!
Hayi! hayi ! korma gaafoo !
Korma gaafoo! korma gaafoo! Korma gaafa lolaa ! korma gaafa lolaa…”jedhu.Kun Afaan Oromoodha.
Kaaba Itoophiyaa kan qubataan Oromon Raayyaa, kibba kan qubate Oroomoota Arsiifi karaa bahaa Marawwaan Raayyaa wajjinis ta’ee Ituu wajjin kan walitti hidhata qabu ta’uusaa ragooleen tokko tokko ni muldhisu.Marawwaan Raayyaaf hangafadha kan jedhan akka ibsanitti, eebbarratti Raayyaa dursee dhiyeessa.Akkasumas angoon Raayyaa keessatti kennamu kamillee eebbaan kan xummuuru Marawwaadha.Jechuudhaan ragaa dhiheessu.(Kitaaba seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa fuula 288 maxxansa 1998)
Hidda latii Raayyaa
Oromoo
Boorana
Samatoo
Gurachaa
Nagawoo
Odaa
Walaabu
Rayyaa
Maccaa __________ Tuulama
“Oromoon ka’umsa maraatti Afaan kushi bahaatirraa burqee, uummata Afaan Kushii dubatudha” (Seen Oromoo hanga jara 16ffa fula 20.maxxansa 1996)
“Kitaabni qulqulun bara 1962 maxxanfame galmee jechootaa irratti, jecha Itiyoophiya jedhu, Kush jedha.
Kanaaf Itiyoophiya jechun kush. Kush jechun Itiyoophiyaadha. Maqaan kun uummatis biyyis kan ittiin waamatudha ” ( kitaaba seenaa uumata Oromoo hanga jaraa 16ffafula 20.maxxansa1996)
“ uumati kush Afan gara garaa dubbachuu kan jalqabe wagooota 3500 – wagoota 2000 jidutti.
“ …Uumati Oromoo kan burqe kushi bahaa Afrikaarraa bara 8000 dura uumata jiraataa turedha. Kannaf Oromoon essaahuu kan hin dhufine, achuma jiraacha kan ture ta’u ibsa.”( Kitaaba S. u. O. h. jara 16ffa fulaa 23. maxxansa 1996)
Uumati kush durii, yeroo ammaa sababa afaan garaa garaa dubbatanif adda adda qoodameera. Itiyophiyaa kessatti qoofa Kushi duriirraa afaanoon burqan digdamii sadii dubbatamu.
Isaanis:
1. Oromoo
2. Sidaamaa
3. Burjjii
4. Affaar
5. Soomaalee
6. Kambaataa
7. Geede’oo
8. Saahoo
9. Koonsoo
10. Qimaant
11. Himtaang
12. Awung
13. Hadiyyaa
14. Baraareet
15. Busee
16. Erbooree
17. Daasanchi
18. Gawaadii
19. Garoobaz
20. Tsamayi
21. Waarazi
22. Baayisoo
23. Gidooloo
“Afaanoonni maatii kush wan waliin qooddatan Aadaafi jeechoota kushi duriirraa dhaalan eerun bekkama.” Jedhu qorattonni seena( jara 16ffa .maxxansa 1996, ful.24,maxxansa 1998 ful.20)
F.K. Oromoon Afaan soomaalee waliin jechoota % 35–40 waliin qabu jedhamee tilmaamama.Koonsoon Afan Oromoo wallin %50 qooddatu.Egaa kun soochiin uummata kush essaa gara eessatti akka ture nu mirkaneessa.
Kabajamtoota dubbistoota keenyaa hardhaaf kanan dubbiserraa kan isinii qopheesse kanuma.Yeroo gara biraammoo mataduree gara biraan isin dubbisiisa.Waan dubbistaniif Galatooma.Dubbisuun beekumsa namaa dabala !
Masqaluu Baalchaa tiin! http://T.me/etbisahusen

#ancient  history of oromo
#like
#share