🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Dur ossoo habashooni lafa oromo hin weerariin Dura Oromoon qa | ancient history of oromoo and oromia

Dur ossoo habashooni lafa oromo hin weerariin
Dura Oromoon qabeenyaan quuftuu akka taate
Bifa adda addaatiin ibsuun nii dandahama.
     Fakkeenyaaf shamaran oromo dur if midheeysuuf kulkulchaa gurraa dahabarraa, gumee harkaatiif lootii qarshiirraa, callee moormaa ilkee arbarraa tolfachaa turan.yoo amma argitanii jiraatan ufata aadaa dubartootaafi shamaran borana ykn kan arsi handaara isaa gubbatti elellee hodhan, dur garuu elellee ossoo taane callee ilkee arbarraa tolfamteen ufata isaanii faayaa turan.
       Gara biraatiin yoo laalle waantee ykn gaachana Oromoon yeroo Lola dhimma itti baha turan yeroo hedduu albuudaa qaqaalii gara garaatiin midheeysa turan.kanaaf hambaalleen seenaa tan museumii Britishfi  kan
Biyyoota Awroopa keessa jiran raagaa guddaadha. #ancient_history_of_oromoo