🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii i | ancient history of oromoo and oromia

Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jirtuu bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamte. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yoo taatu, abbaanshii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef, diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture.

Barruu amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti dubbifamuu fi jaallatamu The Oromos voice against tyranny document 1971 jedhamu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera. Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun of keessatti waan qabatee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf garuu gaazeexaan Bariisaa qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan Dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.

Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaa'u malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay’inaan waa’ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan Wiirtuu Qaama Qindoominaa dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.

Bara 1974 daba mootummaan Hayila Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a cunqursamoota Itoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigil’ jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban.
Du'a Isaa

Bara 1974tti hundaa’ee baha Oromiyaa keessatti soch’aa kan ture Addi Bilisummaa Oromoo qabsaa’ota hedduu horachuu danda’ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35tti ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira.

Kutaa 2ffaa torban dhufuu ittii fufaa

oct 10/2021Gc
Like follow and share #ancient_history_of_oromoo