Get Mystery Box with random crypto!

#Mucaa xiqqaa tokko... #Yeroo inni addunyatti as bahu abbaan | Al-risala-tube

#Mucaa xiqqaa tokko...

#Yeroo inni addunyatti as bahu abbaan duniyarra hin jiru!
Qilleensi yatiimummaa ganamaan jiruu isaatti bubbise !
Harmeen isaallee osoo qaamni isaa jiidha qabu, osoo qeensi
isaa hin jabaatin biraa godaante!

#Akaakayyuun isaa ofitti qabee aduu jiruu irraa ittisee gaaddisa
ruuhii taheefii osoo guddisu biraa du'e!

#Abbeeraatu itti hafee tikfataa ture, innis wantee waraansa
aduwwii irraa ittisu taheefii osoo jiru biraa deeme...

#Booda kooluun isaa lameenuu jalaa cabdee illima jiruu gubbaa
akkatti barrisu dhabe! Erkoon isaa hundi jalaa kuftee nama itti
erkatu dhabe! Booda RABBIIN harka isaa qabee Rahmata
isaatiin waa hundaa taheefi bakka guddaan gahe!

#Eenyu inni ?!

#huwa/inni Muhamed ibnu Abdillaah salallaahu aleeyhi wa-sallam.