Get Mystery Box with random crypto!

#Rabbii kee galatoomfadhu. Gammachuu inni sii kenne saniif ja | Al-risala-tube

#Rabbii kee galatoomfadhu.

Gammachuu inni sii kenne saniif jalqaba isa yaadadhu. Wanti hundi heeyyama isaatiin ta’uu isaa sirritti hubadhu. Waan ati dandeettee ofii kennitee miti. Osoo silaa akkas ta’ee haga guyyaa harraatuu hin eegdu ture. Gaafuma barbaaddu san ofii kennita.

Garuu amma Rabbi yeroon isaa geennaan siif kenne. Sababaan ati geessite jiraatus heeyyamni ka isaati.

#Yeroo gaddaatis Rabbumatti deebi’i.

Rakkoo san ati ofii jaalattee ofirra hin kenne. Osoo taatee silaa duruma ofirraa deebista. Namnis abadan si miidhuu hin danda’u. Osoo akkas taatee silaa haga guyyaa harraatuu hin eegu. Amma akka carraa ta’ee si mudatee jira. kun ammoo tarii mallattoo Rabbi karatti ittiin si deebisuuf sitti erge ta’uu mala. Kanaafuu, rakkoon na tuyxe jettee abdii hin muratin. Yeroo hunda Rabbii kee yaadadhu. Rakkoo si mudate isatti himadhu, balloo argatteefis isa galatoomfadhu.

[فَٱذۡكُرُونِىٓ أَذۡكُرۡكُمۡ وَٱشۡكُرُوا۟ لِى وَلَا تَكۡفُرُونِ]

Yaa Rabbi nama yeroo hunda si yaadatee si galatoomfatu nu taasisi