Get Mystery Box with random crypto!

#Mallattoowwan Nabiyyii [s.a.w] jaalachuu mullisan keessaa: | Al-risala-tube

#Mallattoowwan Nabiyyii [s.a.w] jaalachuu mullisan keessaa:

• Baay’inaan isaan faarsu fi salawaata isaan irratti buusuu.

Akkuma Namni waan jaalate tokko waamicha isaa heddumeessu.

• Isaan arguuf dharra’uu, waan jaalalleen jaalallee ofii arguu dharra’uuf.

• Isaan kabajuu. ‘sahaabonni nabiyyii [s.a.w] isaan booda maqaa isaanii yeroo dhahan sodaan guutamanii gogaan isaanii walitti butamaa fi ni boo'u turan.’

• Nama isaan jibbe jibbuu, nama isaanitti diinometti diina ta’uu, nama faallaa sunnaa fi diinii isaanii keessatti waan haaraa uume kan warra bid’aatii fi munaafiqootarraa fagaachuu.

• Namoota isaan jaalatan kan akka maatii isaanii, haadha manaalee isaanii, akkasuma sahaabota isaanii muhaajira fi ansaarota jaallachuu, nama isaanitti diinometti diinomuu, warra isaan jibbanii fi arrabsan jibbuu.

• Haala isaanii kabajamaa irraadhaaluu, waan haala akkaan kabajamaa ta’e qabaniif.

‘Haalli ergamaa Rabbii [s.a.w] qur’aana ture.’ Kana jechuun waan qur’aanni isaan ajajeen ala hin hojjetan jechuudha.