Get Mystery Box with random crypto!

WAAN BAATEEF HIN DAGATIN! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namoota lamatu rakkatani | GAGGEESSUMMAA

WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namoota lamatu rakkatanii jennaan wal duraa duubaan mana nama sooressaa tokko dhaqani. Namichi inni duraa akkuma "Warra Manaa!"
jedhee ol lixeen isaanumaa irbaata dhiyeeffatuu itti
dhaqe. Jarris "koottu nyaadhu" jedhanii teessisani. Innis fiigee dhiqatee maaddii isaaniitti dhiyaatee nyaata eegale.

➬ Otuma hin turiin ammas rakkataan inni lammaffaan dhufee "Warra Manaa" jedhe. Isaanis "noori koottu nyaata
nyaachaa jirra" jedhaniini. Inni garuu, "otuun waanan dhufeef isinitti hin himatin nyaata hin
nyaadhu!" jedheeni.

➬ Isaanis "tole waan dhufte
himadhukaa!" jedhan. Innis "bor ganamatti farda keessan barbaadeeni maaloo naaf ergisuu dandeessuu?" jedhe.

➬ Kana gidduutti namichi dura dhufee otuu dhimma isaa hin himatin nyaatatti gad jedhe sun "maal anisoo farda keessan barbaachan dhufe" jedhe. Isaan "garuu lakki ati durfamteetta". Jedhanii isa lamaffarra dhufeef farda laatani.

➬ WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ