Get Mystery Box with random crypto!

Keebar Media Network

Logo of telegram channel addeessa0aadaa — Keebar Media Network K
Logo of telegram channel addeessa0aadaa — Keebar Media Network
Channel address: @addeessa0aadaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 188
Description from channel

All about oromo culture and history
for every question and suggestions use
@Tofikbot
Admin: @Addpostviewbot

Ratings & Reviews

3.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages

2021-12-15 23:38:05 Akkuma itti bulanii jedhanii
Akka bulanii dhufan dagatanii
Qorii ofii durii keessatti haganii
Eessaa fiduuf jarri?
Barii jijjiirraa barii
Dura kan gatan qorii ofii durii!

@keebari
7 views20:38
Open / Comment
2021-11-27 17:38:00 #Dimokraasii

Lubbuu kee kalaqnee
Addunyaatti si finnee
Kudraa si nyaachisnee
aannan si obaasne
Malee nu maal si yakkine?
Maal si dhoowwanne?
Mee naaf himi!
Maal sirraa hanqisne?
Akka ol guddattuuf
Hunduma sii laannee
Suma nama gochuuf
Gubannee quncaanee
Manaa duwwaa taanee
Humnaa burkutoofne
Marri haa sibaruuf
Du,a si oolchine.
..................................
Atimmoo garuu
..............................
Biyyi sibarraan
Barartee imaltee
Mana sii laannaan
Kan kee, keenya ni lagatte
Otuu nu si waamnuu
Otuu siif dhumannuu
Callistee nu laalte.
..............................
Haalli kun maaliidha?
Yakkinus maaliidha?
Namichoo yaa firaa
Tokkon si gaafadhaa
Gadaameessa foon ofii
Namni akkasuma godhaa?

?????????????????????

Mee naaf himi jaaloo
Na dubbisi maaloo!
Waamicha kee baane
Laftis hin bariituu
Bariinsaa yoomiidha?
Kan mana kee dhunftu?

Toofiq Ahimad(mullisaa)
39 views14:38
Open / Comment
2021-11-16 21:32:46 "Ani biyya kana jiraachuun naaf hin malu. Biyya itoophiyaa jedhamtu kana dhiisee baqadhu malee boqonnaa hin argadhu". Jechaa gaaddisa mukaa jala teessee ofiin haasofti. Maal intalli bareedduun kophaa teessee ofiin haasoftu? Jedheen itti goree
'nagaa bultanii?' Jedheen.
'Nagaan hin bulle'.
'Maal taate?'
'Na gargaaruu dandeessaa?'
'Nan yaalatii himadhu mee maaltu akkanatti si gaddisiisaa jira'?
"Ani nama kabajaati. Kabajni ilma namaas ta'ee kan bineensotaaf ilbiisotaalleen akka jiraatu godhuufin uumame. Ilmi akka abbaa fi haadha isaas dabalatee haadha manaa isaa kabaju, intalti abbaaf haadha, abbaa manaa fi hiriyaa akka kabajju, ollaan ollaa isaa akka kabaju, namni bineensa akka kabaju- bineensi nama, namni-nama akka kabaju gorsaan oola. Barsiisaan bula. Boqonnaa maleen hojjadha. Guyyaa tokkollee dadhabe jedhee boqonnaa fudhadhee hin beeku. Osoon dhaabadhee hojjadhuu ifni dukkanee, dukkanni ifee-birraan bona, bonni arfaasaa, arfaasni gannaan dabaree wal dabarsaa oola. Ajajni koos barnoonni koos jireenya jaalalaa fi gammachuu akka jiraatan godhuu qofa. Kanumaafi kan ani namoota hoji dhabeeyyii biyya Teenya keessa jiran baayyeef hojii uumee-akka isaan anas gargaaraa jireenya isaaniis fooyyeeffataniif mindeesse. Daangaan hojii kootiis biyya guututti waan ta'eef namoota miliyoonaan lakkaa'amaniif hojii uumeen hojjachiisaa ture. Maal qabaree? amma lubbuu koo balleessuurra ga'anii jiruu. Namoonni ani mindeesse irra baayyeen ajaja koo dagatanii maqaa kootiin daldaluu, sagaggaaluurra darbanii hatuullee eegalaniiru. Ani namas ta'ee bineensa ajaja koo, barnoota koo kana cabse adabbii anatu laataafii qabaa fidaa jedheen bobbaasa. Isaan garuu ofuma isaaniitiif uleen reebanii, dhiitanii kuffisani,
ol-dhaabanii kabalanii- kan laafee ollaa du'aa ga'e fidanii fuul-dura koo dhaabu. Maqaa kootti dahatanii humnaan nama miidhaa jiru. Kan isa tokkoo keessattuu arra baayyee na aarse. Baayyee nama dhiba. Inni kun isan sirriitti amanu-qondaala ol-aanaa, abbaa dhiiga dhokatee dhangala'eef wabii ta'ee tajaajiluudha. Kaleessa ganama intalti ganda keenyaa tan abbaan manaa ishee miidhaa cimaa irraan gahe san himannaaf isa bira dhuftee akka turte galgala dhufee naaf gabaasee ture. Anis jabaadhuutii gargaari. Miidhama isii erga barte booda ragaa waliin naaf fidi! Anatu abbaa manaa ishee kanaaf adabbii laata jedheen gaggeesse. Innis yeroo saniif tolee jedhee bahe. Anis waayee dhimma kanaa gaafachuuf arra ganama biiroo isaa akkuman deemeen akka inni intala sagaggaalaa jiru argee, alatti gadi fiigee wardiyaa waamee akka inni mana adabaatti isa geessu ajaje. Akkuma qabee baaseen balbala duratti wardiyichaaf maallaqa(mattaa'aa) kenneefii baqatee magaalaa keessa na harkaa bade. Kanaaf ani kabajni koo badeera waan ta'eef biyya kana
gad-lakkiseen deema. Du'eera waan ta'eef du'aatti as jiraachuun anas hawaasa kanas hin fayyadu". naan jette.
Anis "daandiin siif haa salphatu" jedheen eebbisee nagaas itti dhaame.

#Seeratti.

Barreessaan Toofiq Ahimad.
194 views18:32
Open / Comment
2021-11-15 19:31:38 #seera

Fiigichaan laga buutee
Tabbas ta,u baatee
Ollaas ta,u kadhattee
Yookaanii bitattee
Birmannaa biyya kanaaf
Osoo waa dubbattee!

Eeguuf olaantummaa kee
Ol kaasuuf kabaja kee
Namatu hidhama
Dhiigatu bishaanomaa
Mee maaluma yakke
Naaf himikaa Amma!

Qixoo haadha qixaa
Maaliif lafa lixxa?
Maquma kee waamee
Namnoo nama fixaa
Tumee susukkuumee
Lafa jalaan lixaa

Ani kanan beeku

Yakkaan yoo rakkinellee
Situ murtee laata
Irrummaan yoo dhufellee
Situ nuuf birmata
................................
Iyya dabarfattee moo
Miidiyaan labsattee
Tuffatameera jette moo
Imimmaan bubuustee
Maaliif uleen siif jettee
Rakkootti nu kuuste?

Mee waa dubbadhuu
Dafii waa hojjadhu!
Hin gaadiddaa,inii
Aangoof harka keetiin
Shirri hin shirinii!
Ol jedhii falmadhu!
Daangaa aangoo keetii
Dhiigaan sararadhu!

Ana miti beeki
biyyatu dhaamaaraa
Dhiiga haadha hiyyeessaa
Hin dhugin hadaraa!
118 viewsedited  16:31
Open / Comment
2021-11-14 19:52:21 Share 'Milluu miliquu.pdf'
99 views16:52
Open / Comment
2021-11-14 19:48:10 Maali? Anatu of wallaalemoo? Maalinni dubbiin akkasii? Ammas yaadaan deddeebi’een of falme. Qaama gurmaa’ee biyya dhaanutu galgala kana magaala weeraree buufata poolisii booji’eera tayinnaa? jennee garaatti shakkuun keenyas hin hafne. Moo guyyaa guyyaa rakkina furuuf halkan halkan rakkina uumuu qabu Kan jadhutu seerri isaaniif jira tayinnaa? Yoo seerri akkasii isaaniif jiraate, kun dhugumaan seera jedhamuu danda’aa? Seerri tumamu tokko uumama yakkaaf sababamoo bu’aadhaa? Warri seera tumaniif warri seera hojii irra oolchan wal hin beekanii laata? Moo waa’ee seeraa isaan kana malee namni biraan hin beekuu laata? Kanaaf tayinnaa namni biyya keenyaa seera wallaalee mirgaaf dubbatee kan adabamu? Moo mirgaaf dubbachuun seeraa? Namoonni baadiyaa rakkoo isaa furachuuf qaama rakkoo uumutti himatu kunimmoo maali? “Rakkataan ulfa fuudha” isa jedhan sana filannoo biraa waan hin qabneef ta’aa laata? Garuu maaliif filannoo dhabuu? jedheen gaaffii deebii hin qabneen mudannoo nu qunname waliin of burjaajesse.

Barreessaa(Guutaa Rabbirraa) kana baayyeen dinqisiifadhe!.
"Milluu miliquu" ti.
Dubbisaa!
105 views16:48
Open / Comment
2021-11-07 17:51:25 Nyaata aadaa Oromoo:

Waaddii - foon muramee ibiddarratti
waaddame
Ancootee - nyaata baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallaggaatti beekkamu
Baaduu - aannan raasanii dhadhaan erga irraa
bahee booda baadun nyaataaf oola.
Marqaa - ummata Oromoo biratti marqaan
baayyee jalatamaa dha.
Caccabsaa - maxinoo kukkutyanii dhadhaa
baqsanii itti naquun qophaa'a
Qoocco - Qooccoon baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallagga keessatti
beekkamaa dha. Kun qoccoo kan ummata
Guraagee biratti baayyinaan beekkamu sana
miti.
Ittoo - Ittoon waan adda addaarraa qophaa'a:
muduraa, foon, midhaan ittoof ta'u kan akka
baaqelaa, daangulee, gaayyoo irraa qophaa'a
Buddeen (Buddeena) - buddeenni nyaata
ummanni Oromoo yeroo baayyee nyaatu yoo
ta'u ittoo ykn baadudhaan nyaatama.
Chuukkoo - a sweet flavor of whole grain
also known as besso; flavored with butter and
spices
Cororsaa - Cororsaan baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallagga keessatti nyaata
jaalatamaa dha.
Qorii - baayyinaan akaawwii garbuurraa
qophaa'a
Cuukkoo - Cuukkoon garbuu fi dhadhaarraa
qopha'aa. Cuukkoon nyaata baayyee
jaalatamaa dha.
Gorsoddoma - kun naannoo Shawaa Dhihaatti
(Gindabarat) nyaata beekkamu yoo ta'u
qamadii irraa qophaa'a
Cumboo; Cumboon nyaata aadaa Lixa
Oromiyaa,keessattuu Godina Horroo Guduruu
Wallaggaatti baay'ee beekamu dha.Cumboon
Xaafii diimaa irraa kan qophaa'u dha.Xaafii
diimaa furdisanii erga bukeessanii
booda,eelee beeddee fi eelee haadhoo erga
ho'isanii,bukoo qophaa'e sana eelee
beeddeerratti gadi naqanii qadaadu.Gaafa
bilchaatu baasanii baaduu irratti naqanii itti
cororsu(baqsu).Cumboon gaafa ayyaanaa fi
gaafa keessummaan(firri) dhufu qophaa'a.

Madda: nyaata aadaa oromoo Wikipedia

Toofiq Ahimad (mullisaa)
50 views14:51
Open / Comment
2021-10-31 17:20:50 Anaa fi smartphone;

yeroon jalqaba bilbila harkaa bitadhu, bilbiluu fi Sirboota afaan oromoo babbareedaa ittiin dhageeffachuu qofan beeka tura. bilbilee fira gaafachuun baayyee na gammachiisa ture. yeroon jalqaba bilbila bitadhe tokko akka arraattiin yaadadha hiriyaa kiyya kan yeroo dheeraaf gargar baane tokkoof bilbileen sagalee isaa ta'uu gaafaan baru mobile duraanii Nokia ishee suuraa hin agarsiisne sana akka waan suuraa isaa natti mullistuutti, "Hello....Hello....."
jechaa gurra kiyyarraa fuudhee ijaan yeroon ilaalu, hiriyaan kiyya inni cinaa kiyya dhaabatu, natti kolfee haga imimmaan fixachuu gahe. silas bilbiluu fi sirba dhageeffachuun ala waan biraa waan biraa waanan hin beekneef bilbilee fira haarawa yookiin isa afaan ammaatiin chiikii jedhan kana barbaadachuun shaakalaa ture. umriin kiyyaas yeroos saal-lammeessoo kana seenuuf jedha waan ta'eef, jechoota babbareedoo fiilmii gara garaa irraa kuufadheen, galgala galgala toora isaa eegaa, hamma birriin kiyya na odeessiste odeessaa ture. daa'imummaa kooti natti fakkaata haguman amma sobu kanallee sobuu hin beeku. ani barataadha. ani ilma hiyyeessaati. ans qaamni koo guutuun fokkisaadha........ qaamaan ani qabu keessaa kan namni baayyeen naaf dinqisiifatu rifeensa qofa, jechaaniin ture. kanuma keessa isheen tokko na jaalachuu hin oolle fakkaata. maal ishee qofa anis baayyeen jaaladhe. kan nama dhibu garuu bilbla qofaan wal jaalannee dhumarra qaamaan wal jaalachuu keenya. bilbila ishee namarraa fudhadheen bilbileef. erga xiqqo wal barre waliin jaalala bareedaa keessa turre waggaa lama booda maatiin ishee sababuma jaalala keenya jibbaniif biyyaa dhabamsiisan. garuma isheen seente barbaadee dhabeen garaa hidhadhee barnoota kiyya itti fufe. Adeemsa keessa bilbila isheen wal na barsiiste sanas haawultii keessa kaa'een bilbila booda dhufe smartphone kana bitadhe. yeroon waayee ishee yaadu, of dagachiisuuf fiilmiin ittiin ilaala, kitaaban ittiin dubbisa...... Maaltu akka kanaan himamee dhuma? smartphone iddoo bareedaan yaada ishee jalaa itti dhokadhu taatee na tajaajilaa turte. yeroo booda waan dulloomteef natti fakkaata na jeequ jalqabde. kanuma keessa akkuman jiraachaa jiruun eda galgala akkuma amala koo dhiyeenya kanaa Facebook kana ilaaluuf Bilbila kiyya ammaa kanaan online jedhan kana akkas seene. message nama amma "add" na gaafatu tokkoo shaniitu irra jira. gaafan argu confirm godheetiin akka nama rifatuu ta'aa bane. nama haaraadha anaaf. "akkam jirta? lubbuun numa jirtaa garuu? ....... Dhumarratti 0932..... naaf bilbili" jedha. anis data cufadheetiin eenyu akka ta'e baruuf bilbleef.
Sagaleen jalqabaa "hello"n waanan beeku natti fakkaattee dhuftee gurra na seente.
sagalee dubartiiti.
ana: eenyu jedhu giiftii koo?
ishee; Ati Toofiq natti fakkaatta.
ana; eeyyeen hin dogoggorre. garuu atihoo?
ishee: Sagalee kiyyaas wallaaltee Boonaa koo? jettee booche.
ana; maali? maaliif akkana taata? eenyu ati?
ishee; ana Iftuudha bareedaa koo.
Jaalallee tiyya waggaa shanan arraa adda baane sanaadha. dachiin na liqimsuu didde. gurra kiyya amanuun dadhabe. Deebiseen hello hello. jedhe. smartphone chaw chaw jette. shut down barreeffama jedhuun arge. ...... uuufffffff.. akkas na goote smartphone.

@ToofiqAhimad
56 views14:20
Open / Comment