2021-10-25 08:48:40
አዋሽ ባንክ የዓለም ቁጠባ ቀንን አስመልክቶ ልዩ ልዩ የቁጠባ አማራጮችን በማቅረብ ላይ ይገኛል
Baankiin Awaash Tajaajiloota Qusannoo gara garaa Guyyaa Qusannoo Addunyaa sababeeffachuudhaan dhiyeessaa Jira
----------------------------------------------------
በአለም አቀፍ ደረጃ እ.ኤ.አ. ኦክቶበር 31 ላይ የሚከበረው የዓለም ቁጠባ ቀን የመጀመሪያው የቁጠባ ባንኮች ኮንግረንስ እ.ኤ.አ. በ1924 በአገረ ጣሊያን ሚላኖ ከተማ በተካሄደበት ወቅት ቁጠባ በማክሮ ኢኮኖሚና በግለሰቦች ህይወት ላይ ያለውን በጎ ተፅዕኖ ለማሳየት እና የህብረተሰቡን የቁጠባ ባህል ለማሳደግ በማሰብ ቀኑ በቀጣይነት በየዓመቱ ኦክቶበር 31 የአለም ቁጠባ ቀን (World Savings Day) ተብሎ እንዲከበር ተወሰነ፡፡
የህብረተሰቡን የቁጠባ ባህል ለማሳደግ የተለያዩ የቁጠባ አማራጮችን በማቅረብ በአገሪቱ ኢኮኖሚ ውስጥ ጉልህ ድርሻ እያበረከተ የሚገኘው አዋሽ ባንክ ከዓለም ቁጠባ ቀን ጋር ተያይዞ ከመደበኛ የቁጠባ ሂሳቦች በተጨማሪ ልዩ የህፃናት፣ የተማሪዎች፣ የሴቶች፣ በዕድሜ ለገፉ የአገር ባለውለታዎች እንዲሁም በጥቃቅንና አነስተኛ ገቢ ማስገኛ ስራዎች ላይ ተሰማርተው በየዕለቱ ትናንሽ ገንዘብ ለሚያገኙትም የተለያዩ የቁጠባ ሳጥኖችን በማቅረብ ህበረተሰቡ የአገልግሎቱ ተጠቃሚ እንዲሆን በማድረግ ላይ ይገኛል፡፡
Guyyaan qusannoo Addunyaa sadarkaa idil-addunyaatti waggaa waggaadhaan A.L.A. Onkoloolessa 31 kabajamu yeroo jalqabaatiif A.L.A. Onkolooleessaa 31, 1924 biyyaa Itaalii keessatti wayita yaa’iin tokkoffaa Baankiiwwan Qusannoo gaggeeffame irraa eegalee kabajamuu jalqabe. Kaayyoon isaas faayidaa qusannoon guddina diinagdee biyyaa fi foyya’insa egeree nama dhuunfaa irratti qabu irratti hawaasni hubannoo gahaa akka qabaatuufi aadaa qusannoo akka gabbifatuufidha.
Aadaa qusannoo hawaasaa foyyeessuun guddina diinagdee biyyaafi foyya’insa jiruufi jireenya hawaasa irratti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru Baankiin Awaash, aadaan qusannoo hawaasaa akka cimuuf tajaajila qusannoo fedhii hawaasaa giddu galeessa godhate filannoowwan gara garaatiin dhiyeesseera.
Bu’uuruma kanaan herreega qusannoo idileetiin cinaatti herreega qusannoo addaa daa’immanii, dubartootaa, Barattootaa fi namoota yeroo dheeraaf ogummaa gara garaatiin biyyasaanii tajaajilaa turaniifi herreega qusannoo addaa qopheessuun hawaasa tajaajilaa jira.
#AwashBank #WorldSavingsDay
3.6K views05:48