Get Mystery Box with random crypto!

💻 Barannoo Tech 💻

Logo of telegram channel barataadhaaf — 💻 Barannoo Tech 💻 B
Logo of telegram channel barataadhaaf — 💻 Barannoo Tech 💻
Channel address: @barataadhaaf
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.77K
Description from channel

ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages

2022-01-17 16:04:11 parallel Space

Size: 12.3MB
67 views13:04
Open / Comment
2022-01-17 16:04:05
#App_Name : parallel Space - Multi account.

#Faayidaan Appichaa, Appii gosa tokko lama bilbiluma tokkoon fayyadamuuf isin qarqaara, Fakkeenyaaf Whatsapp ykn Youtube lama bilbila tokko irratti double fayyadamuuf.




2:51
67 views13:04
Open / Comment
2022-01-12 09:38:13
Gaafii maatiwwan keenya hedduuti, akkamiin bot keessan akka @ADMIINII_BOT kanaan bot buttun akkasuma post qabu hojjechuu dandeenya kan jedhuu kutaa 1ffaa asirraa argattu.

Haalota lamaan qophaa'e kutaalee itti aanan keessatti ammoo bal'inaan ilaalla.

Link :

5:41
623 views06:38
Open / Comment
2022-01-09 14:09:05
#Projektii seena qabeessa kana irratti hundi keenyaa haa hirmaannu!

#Hiikkaa_Google_Afaan_Oromoo.

Haalaa gaariin deema jira, akka saffisa kana caaluun deemuuf haa hirmaannu. Guddina Afaan keenyaatiif teenne namni eegnu hin jiru, gahee hundaati.

Namni jecha ykn gaalee hiikaa Afaan English beeku kamuu hirmaachuu ni dandaya halli salphaadha karaalee gadiitiin.

1- Isa hiikamee yoo sirrii ta'e mirkanneessuun ( ) ykn yoo sirri miti ta'e mormuu ( ) dandeessu.

2- Jecha ykn gaalee Afaan Englishiin dhihaatu gara Afaan Oromootti hiikuun.

Linkiin kana : https://translate.google.com/contribute

#Tartiiba ittiin hiiktan Linkii kanaan ni argattu :

331 views11:09
Open / Comment
2022-01-07 16:33:07
Tartiiba Hiikkaa Google Afaan Oromootiif —


533 views13:33
Open / Comment
2022-01-07 16:33:00 #Hiikkaan google Afaan Oromoo sadrkaa kam irra jira?

Sadarkaa Addunyaatti Afaan Oromoo Afaan saayiinsii fi Teknoolojii akka ta’uuf hojjatamaa jiraachuu hirmaattonniifi qindeessitoonni hiikkaa Google Afaan Oromo dubbatan.

Ogeessi ICT fi hundeessaan Maarsariitii Oroict Abdiisaa Baancaa Jaarraa “afaan Oromoo Afaan Saayinsii fi Teknolojii akkasuma afaan hojii dhaabbiilee idil-addunyaa kanneen akka Google, Inistigraam, Telegramii fi Metaa gochuuf hojjatamaa jira” jedha.

Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf jechoonni afaan Ingilizii Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamaniidha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan Oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira waan ta’eef toora ykn Onlin irraan hiikuun ni danda’ama.

Dhaabbanni guddaan addunyaa Googiliin afaanota laga qaxxaamuran afaan hojii isaa taasifachuuf murteessuu hordofee Afaan Oromoo akka afaan dhaabbatichaa ta’u gaafataa turre kan jedhu Abdiisaan, yeroo ammaa hayyama argachuun bara haaraa faranjoota 2022 kana keessa Afaanota 25 Googilii irratti tajaajila kennan keessa afaan Oromoo isa tokko ta’u dhaabbatichi isa tibbana baaseen beeksisuu ibse Abdiisaan. Kanaanis yeroo ammaatti Afaan Oromoo google Translet irraan gara beta ykn sadarkaa shaakalaaf dhiyaachuu irra gahee jira, kanaaf Maatiin afaanii hundumtu achirra galee hiiku akkasuma jechoota ykn gaalewwan hiikamn yoo sirrii ta'an mirkaneessuu fi yoo dogongora qabaatan akka sirraayyu gochuu dandayu.

Afaan Oromoo tarree Afaanota guddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti kan jedhu Abdiisaan dhimmichi nama afaan kana haasayu hunda ilaallataa jedha.
550 views13:33
Open / Comment
2022-01-05 11:50:46
Telegram Tips!!

Telegram keessan sirnaan eeggachuuf, Akka isin jalaa hin hatamneef, tartiibban isin qarqaaran, video gabaabaa kanaan daawwadhaa.



3:11
180 views08:50
Open / Comment
2022-01-04 09:06:10
#Ethio-Telecome maamiltoota isaatiif Tajaajila intarneet broadbandii irratti fooyyee taasisuu ibse.

Dabalataanis, maamiltootaaf gatii hirisuu hordofuun, saffisa tajaajila dabaluun, gatii hirisuu daangaa saffisaa muraasa irratti sirreessinee jirra jedhe.

Suuraawwan maxxanfaman irratti ibsa isaa barbaada! Odeeffannoo dabalataaf. https://www.facebook.com/634961036620853/posts/4594816173968633/?app=fbl
332 views06:06
Open / Comment
2022-01-03 11:33:02
#Akkaataa bot dhuunfaa keessanii ittii dalagdaniifi ergaalee ittiin fudhattanii deebisaa itti laattan, kan Suursagaleen deeggarame kutaa jalqabaa linki kanaan argattu.

418 views08:33
Open / Comment
2022-01-03 11:32:55 Eenyummaa kee gama intarneetaan dhoksuuf wantoota gochuu qabdu

Yeroo ammaa kanatti eenyummaa ofii internet irratti dhoksuun baay'ee gaariidha. Kaampaaniileen fi namoonni dhuunfaa tokko tokko eenyummaa kee hatuun dhimma adda addaatiif itti fayyadamuu danda'u. Kun immoo sirratti miidhaa geesisuu danda'a. Sababa kanaafis tahee; kanneen biroo hedduuf eenyummaa kee kan internet irraa awwaaluun baay'ee barbaachisaadha.

Kanaafuu; karaalee an armaan gaditti barreessu kanneen fayyadamnee eenyummaa keenya kan interneetii irraa dhoksuu ni dandeenya jechuudha. Mee isaanis akka armaan gadii kanatti haa ilaalluu.

1. Miidiyaa hawaasaa kamiinuu keessaa bahii/logout/ godhii, cookie balleessi

Cookie yeroo hedduu web browser keessatti kuufama. Cookie keessatti odeeffannoolee kee kan akka IP waan keessatti kuufamuuf; kaampaanileenis haa tahuu; namni dhuunfaa tokko akka salphatti faana kee dhahuu danda'a. Kanaafuu; web browser keessan keessaa cookie balleessaa!!

2. Proxy fayyadamuu

pirooksiin too'annoo sadarkaa lammaffaa irra kaa'amuudha. Pirooksii fayyadamuudhaaf sooftiweerii addaa isin hin barbaachisu; qajeelumatti; gara marsaa isaanii deemuudhaan; website barbaaddan keessatti barreessuudhaan fayyadamtu. Marsaalee muraasa tajaajila proxy isiniif kennan google irra barbaaduudhaan itti fayyadamuu dandeessu.

3. TOR fayyadamuu

Tor sooftiweeriidha. IP kee dhoksuudhaan; marsaalee kamiiyuu akka ati fayyadamtu godha. Innis akka proxy dhaatti tajaajila siif kenna. Tor'n hidha kana irraa buufachuudhaan itti fayyadamuu dandeessu.

4. VPN fayyadamuu

VPN'n dhoksituu eenyummaa keetii isa guddaa fi filatamaadha. Ogeessota, ogummaa gahaa qabaniin waan saganteeffameef; biyyoota adunyaa kamiinuu keessattuu ni hojjata. Isinis; VPN; gaarii tahan hedduu isaanii google irra barbaaduun buufachuudhaan; itti fayyadamuu dandeessu jechuudha

Ulfaadhaa! #Aliifuu
437 views08:32
Open / Comment