🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Naannoo Oromiyaatti barnoonni eegaleera! Naannoo Oromiyaatti | Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

Naannoo Oromiyaatti barnoonni eegaleera!

Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara kana addaan cite turee har’a eegaluu Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.

Naannichatti oolmaa daa’immaniitiin ala adeemsi baruu barsiisuu eegaleera. Barnoonni oolmaa daa’immaniis torbee lamaaf dheerachuu biirichi ibseera.

Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa Sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti kan laatamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise turuun isaa ni yaadatama.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa