🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Biiroon Barnootaa Oromiyaa har'a qooda fudhattoota barnootaaf | Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

Biiroon Barnootaa Oromiyaa har'a qooda fudhattoota barnootaaf beekamtii ni kenna!

Hogganaan itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Efreem Tasammaa akka himanitti, Biirichi dhimmamtoota barnootaa milkaa'ina hojii baruufi barsiisuu Oromiyaa kessatti raawwachaa ture tumsaniif beekamtii har'a ni keenna jedhan.

Sirna qoodafudhatootaaf beekamtii kennuu kanaratti, hoggantoonni olaanoo Mootummaa Naannoofi Fedeeraalaa akkasumas keessumoonni adda addaa ni argamu jedhaniiru.

Oromiyaa keessatti baratoonni miliyoona 9.6 barnootaa isaanii hordofaa akka jiran ragaan BBO irraa argame ni muldhisa.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromyaa