🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

-GORSA:-Bu’uurri qabsoo Naamusa! Qabsoo qofa miti bu’uurri nam | 𝗕𝗶𝗿𝗾𝗶𝗶 𝗞𝗼𝗼

-GORSA:-Bu’uurri qabsoo Naamusa! Qabsoo qofa miti bu’uurri namummaatuu Naamusa! Barsiisan, Doktorri, Profeesarri, hayyuun, Saayintistiin meeqa Naamusa hinqabu taanan homa takka hinqabu!

-Ammoo nama ykn garee qulqulluu tokko sagal arrabsaniif qulqullummaa isaa xureessun akkasumas Nama ykn garee yakkamaa tokko sagal faarsaniif addeessanii urgeessuun hindandaa’amu.

-Madaallii hundaatif safartuun jala teessisu ykn gubbaarra baasu, kan kufaatii fi injifannoo isaa murteessu hojii isaa qofa! Murteessan hojiidha, hojiinimmoo amala, amalli ammoo naamusa!

-Naamusni mataan isaa injifannoo nuti waa hundaa ol jalqaba qabsoo walii keessatti galmeessifannee hooggantoonnii fi miseensonni ittin wal horru, kaayyoo itti wal dhaalchifnu, sirna ka’uumsaa fi ga’uumsa keenya ittiin gulaalludha.

-Naamusni karoora, naamusni tarsiimodha, naamusni jechaa fi gocha keenya! Iccitiin milkaayina keenyaa, naamusa keenya keessa jira! Gulaaltun safartuun waa hundaa hojiidha!

-Qabsaa’aa nuuf jecha gaaraa fi laga jiru, dukkanaa fi doorsifamatti jiru haa yaadannu, haa kabajnu, karaa isaanii haa jabeeffannu! Jawar Mohammed guddicha Afrikaanotaa dabalatee Qaaliwwan keenya akka qaroo ija keenyatitti haa kunuunfannu!

-Naamusaan haa hojjannu, bakka jirruu karaa itti amannutti wal jaalalaa fi walkabaja iccitii Oromummaa keessa jiru san akka lafee dugdaatitti qabannee akka dhaloota abboota qabuutitti, nuti ilmaan isaanii haa jabaannu! Jabaadhaa!! Qabsoon naamusa, Naamusnis qabsoo ta’uu garuu daqiiqafillee taatu hindagatinaa!!

@birqiik