Get Mystery Box with random crypto!

Ciniinnadhee- Dafqa cobsee yoon ol dhufu Gad na dhiibu na darb | 𝗕𝗶𝗿𝗾𝗶𝗶 𝗞𝗼𝗼

Ciniinnadhee-
Dafqa cobsee yoon ol dhufu
Gad na dhiibu na darbatu akkan kufu...
Ulaa kaayyoorra
Yoon adeemu deemsa sardaa
Funyoo hidhu na takaaluuf akka fardaa
Dukkanni koo isaaniif aduu
Gaafan boo'u ni gammadu
Tarkaanfiin koo itti hin tolu
"Ishoo..." jedhu yoon hokkolu
Ani garuu...
Mudhii laafee - abdii dhabee
Gadi hin jedhu boquu cabee
Qoreen na waraantus luka
Nan tiradha - nan suksuka
Hurrii har'a na marse caalaa
Ifa boriin achi ilaala!

#leta_kenei_Aga