🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

'Garaaf Miti Iyyikoo.' ....................................... | 𝗕𝗶𝗿𝗾𝗶𝗶 𝗞𝗼𝗼🌍

"Garaaf Miti Iyyikoo."
.......................................
Sobaan nyaatanii buluu
An hin beeku fakkeessaa
WBO kiyyaaf walaloo
Sodaa maleen barreessa.

Sansakkaaf hiika Qabsoo
WBOtu na barsiise
Yaa'ii Sobaa hin taa'u!
Daandii Dhugaa gadhiisee.

Eenyummaakoo Ganamaa
Itti Amaneen fudhadhe
Kanaafin Qaamakoo irratti
Odaa Oromoo tumadhee.

Oromoo ta'een dhaladhe
Oromoof falmeen du'a
An of hin beeknee miti
Isa argachuuf kaatu bu'aa.

Lammummaankoo Oromoo
Oromiyaadha Biyyikoo
Bilisummaadhaaf malee
Garaaf miti iyyikoo.

Dhalootni akka hin baanneef
Waanjoo nu baanne har'a
Tokkoomnee ha milkeessinu!
WBO faana hiriirree
Kaayyoo Elemoof Jaarraa.
...........................................
Yadesa Gudina