🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Hiriyaa Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa B | Dirree Beekumsaa

Hiriyaa

Utuu naaf hindhagayin

Firrikoo gamaanaa fi gamaa

Bakka rakkoo kiyyaatti

Situ dursee argama

Aantiidhaafi obbolaa koo

Dursitee natti siqxa

Caba koo naaf dhidhiibdee

Dhiiga koo narraa dhiqxa

Kaasuu keetti na fuutee

Qabdee lafaa na kaasta

Dugda keetti na baattee

Bowwaa keessaa na baafta

Gaafa guyyaaa gammaachuu

Wajjiniin nyaannee kolfaa

Gaafa guyyaa dhiphinaa

Kan dhukkubaa fi golfaa.


@mammaaksoota