🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Leta Kenei Aga . Wacatu guute ganda keessa Haloo..haloo na dha | Dirree Beekumsaa

Leta Kenei Aga
.
Wacatu guute ganda keessa
Haloo..haloo na dhageessaa?
Sagaleen kee ni fagaata
Ati eessuma jirta laataa?
- -
Gaafa sobni tulluu yaabu
Of bokoksee huuruu dhaabu
Jiruun ajaa'ee akka raqaa
Gaafa dabu murtoon haqaa
Yoo namni kee hidhaa taa'u
Tafkiifi geergoon irra yaa'u
Ooluufi buluun bitaacha'ee
Cabbiin adiin cilaatta'ee
Imimmaanshee gaaniin qeensaa
Gaafa boossu haati iyyeessaa...
- -
Kan callistee waadaa nyaattu
Eessa jirtaree hin owwaattuu?
Haloon jedheem..haloo "dhugaa"
Dubbadhu deebii keen eegaa!

@mammaaksoota