🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Qofummaa koo!!! ~ Maaltu qofummaa caalee Gaafan waa'ee kee yaa | Dirree Beekumsaa

Qofummaa koo!!!
~
Maaltu qofummaa caalee
Gaafan waa'ee kee yaaduu
Duraaniyyuu gowwaan ta'ee
Gaafan siif dhukkubee aaduu!
~
Si jaallachuun maal buusaa
Jaalalaa-foo hin qabduu bakkaa
Namni dhugaa isaa si jaallatuu
Yoomiyyuu si biratti yakkaa
~
Kanaafuu ani sirraa citeeraa
Jaalala kees nan goolabee
Utuun baayyee si jaalladhun
Jaalala haqaa sirraa dhabee
~
Gaafan sin jaalladha-jedhuu
Ati galtee kolfa natti duutaa
Utuuma anaan hin xumuriin
Onnee namaa keessa buutaa
~
Anaan maaltu na dhukkubsee
Maal kanan boqonnaa dhabuu
Utuuman ija koon ilaaluu
Kanan abidda harkaan qabuu
~
Lammaffaa maqaa kee hin dha'uu
Maqaa jaalalaas sitti hin kaasuu
Akka kanaan duraa maraadhees
Imimmaan jaalalaa hin lolaasuu
~
Kan kee kanumaan dhumee
Jaalala kees nan dhaabee
Konkolaataa kee keessaa bu'ee
Konkolaataa qofummaan yaabee
~
Baraan jiraadhu hundumaa
Takkaa kennaa koo dhabuu
Atimmoo deemii barbaadii
Ani dhimma kee hin qabuu
~
Gaafan jaalala kee lallabuu
Maalif gowwaa na seetaa!
Maal nama hundumaa jaallattee
Konkolaataa maaliitti feetaa!
~
Jaalala dhugaa hin beektuu
Afaanin dhugdee machooftaa
Gola onnee keetii keessatti
Dhiira meeqa naqxee hooftaa!
~
Kana booda jaalala dhaabee
Kanan jiraadhuu qofaa
Sammuu nagaan deemeen
Jireenya koo hordofaa!

@dirreebeek