Get Mystery Box with random crypto!

' SADAN SOODDOO' =================== Sooddoo ilma Daaccii, il | ancient history of oromoo and oromia

" SADAN SOODDOO"
===================
Sooddoo ilma Daaccii, ilma Tuulamaa damee Booranaa kan ilma oromootti. Tuulamni ijoollee sadii qaba ture isaanis:- Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namootti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagahan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoo ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaattin moggaafatee irraa jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo ; Odituu, Tummee fi Liiban jedhamu. Isaan kan warrii har'a sadan sooddoo jedhamuun beekaman. Lafti sooddoo naannoo oromiyaa shawaa kibba lixaatti argama. Aanootti ilman oromoo gosaatti sooddoo keessaa baay'inna jiraacha jiraan : Aanaa saden sooddoo, Aanaa bachoo, Aanaa waliso, Aanaa tolee, Aanaa bu'ii, Aanaa qarsa malimmaa fi Aanaa sooddoo daaccii yommuu ta'u karaa bahaattin Aanaa Maqii dugdaa karaa kibbaattin Aanaa bu'ii karaa kabbattin Aanaa sabaatta hawaasa daangeffama. Akkuma arman olitti ibsuuf yaalle Daaccii ilman sadii godhate sadan sana keessaa inni tokkoo sooddoo dha. Isaan kaanimmoo Galaanii fi Aboo jedhamu. Goototni ilman oromoo lakka'amni hin dhuman. Isaan keessaa akka fkn Taddessa birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kkf yeroo mara kaafna. Goototni kun egaa ilman oromoo fi lafa oromiyaa naannoo adda addaarrattii kan dhalatan ta'uun beekamaadha. Akkuma kan ilmaan oromoo damee Tuulamaa warraa sadan sooddoo goototti dhalatanis hedduu dha. Isaan keessaa yeroo mara maqaan isaani akka biyyooleessatti kan ka'uuf akkuma gootota oromoo yeroo adda addaatti goottummaasaanittin beekamani fi xaaliyanii biyya isaani koonoleefachuuf dhufte lafa isaanirra calaasuun kan beekaman warra damee tuulama ilman sadee sooddoo keessaa hedduu maqaa dhahuun ni danda'ama. Duula xaaliyaani 1ffaa fi 2ffaa Aduwaarratti goottumma agarsiseen kan beekamti guddaa argatan keessaa kan maqaansa akka biyyoolessatti waamamu Baalchaa safoo( Abbaa nafsoo) damee tuulama ilma oromoo hidda sooddoo ta'uusaa beekamaa dha. Gootota lafti sooddoo biqilchite hedduudha, kan akka Baqqalaa wayyaa, G/maariyam Gaarii , Dj Ganamee Badhaanne, fituwararii Taddeesse Ganame , Qenyi Azmach Bayyane guddata Awaash fa'a akka fakkeenyaatti. Sooddoo lafa abbaasaa oromoorraa kan jiraatuuf Aadaa fuudhaa fi heerumaa Aaddaa sirna Gadaa kan qabu yeroo ta'u saba oromummasattin boonuudha. Gootonni armaan olitti maqaasaanii dhoofne kun egaa ofii fi saba isaanirra darbanii lafa fagoo deemuudhaan akka Itiyoopiyaatti seenaa isaan dabarsan kan dagatamu miti. Via ~seenaa UMATA oromoo