Get Mystery Box with random crypto!

Yeroof dubbii Lij iyaasu asirratti dhaabnee gareen yeroo san f | ancient history of oromoo and oromia

Yeroof dubbii Lij iyaasu asirratti dhaabnee gareen yeroo san finfinnee dhunfatte aakaataa itti oromoota yajjuu angoo irraa itti fageesaniifi ega zawdituun angoo irra dhuftte booda waan isii mudatte haa laalluu.
Silaa Bara 1909 gaafa minilik dhukubsate irraa kaassee namnni angoo San dhunfachuu qabu taytuu butul ture.garuu gareen finfinnee dhunfattee jirtu wannii isaan akkaan ofirraa eegaa turan tokko oromoota walloo waan tureef ammaas minilikiif ilmoo waan hin dhaliniifi jachaa dubbiin tayituu butul achumatti Raawatte.bara 1909 irraa hamma 1916ti biyyattii keessa sababaa wal dorgomii angootiif jacha shorarkaa guddoo ture. bara 1916ti gareen finfinnee dhunfattee jirtu biya tasgabeesuufi haala mijeefachuuf jacha zawdituu angoo gubbaa baafte.angoo soba taate malee silaa akka heeratti namnni bakka minilik bu'uu qabu zawdituudha.ilmoon minilik dhugaan dhale zawdituu qofa.shawaragge fi
Asfaw wossen ni guddifate. Shawaragge jachuun hadha Liji yaasutti.haa tahu male minilikiifi haatii zawdituu Abechi yajju ittii fufaa