🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

kan Suuraa isii kanaa gaditti argaa jirtan Gootittii Oromoo #W | ancient history of oromoo and oromia

kan Suuraa isii kanaa gaditti
argaa jirtan Gootittii Oromoo
#Worqituu dha. Mootittiin
Worqituun Eenyu gaaffiin ja'u isin
keessatti buluun isaa waan oolu
miti. Worqituun Seenaa Oromoo
Wolloo keessatti bakka olaanaa fi
gulantaa jalqabaa irra gootummaa
isiitiin kan kaahamteedha. Du'a
Teewidiroos ilaalchisee wanti
Barreessitoota Habashaatiin
dhihaate Seenaa Sobaa fi
Gootummaa Oromtittii tana
awwaaluudhaaf hojjatame yoo ta'e
malee dhugooma kan qabu miti.
Teewidiroos bara 1868tti kan du'e
haleellaa Humni waraana mootittii
Worqituu irratti raawwateen malee
ofiin of hin ajjeesne. Yaa jamaa
kanaafuu, Teewidiroosiin kan
ajjeese Mootittii worqituudha
malee Humna waraana Ingiliiz ykn
kan biraas miti. sababiin Isiin
Teewidiroosiin akka ajjeeftuuf
daandii saaqe maal ture kan
ja'utti yoo ceene immoo Ilma
Worqituu kan ture Amadee Alii
walakkeessa bara 1860tti
Teewidiroosiin booji'amee waan
tureef duulli Worqituu kun ilma
isii baraaruudhaa fi
Olaantummaa Oromoon Kaaba
Itiyoophiyaatti qabu deebisuurratti
kan xiyyeeffate ture. kanaafis
ragaan walaloo Afoola Amaaraa
keessaa fudhatamte tana

'' Maqdalaa Afaaf Laay
cuhet Berekketee
Ye seetuwaan Anaawqim
Wend andi Sew Mootee,,,,(2x)
jedhuudha.
wolaloo tana keessatti
Bo'oo lama yoo fudhanne inni tokko '' Ye Seetuwaan Anaawqim"
kan ja'u yoo ta'u inni lammataa
immoo '' Wend Andi Sew Mootee''
kan ja'u taha. kana jechuun
immoo Maqdalatti kan wal
waraane Humna Dubartiidhaan
durfamuu fi kan dhiiraan durfamu
akka turee fi kunis dubbiin
Dhimma Worqituu fi Teewidiroos
irratti kan xiyyeeffatu ta'uusaati
Afoolli kun ragaa kan bahu.
walumaagaltti waraana 1868tti
naannawa maqdalatti taasifame
irratti Teewidiroos du'ee jira Kan
Ajjeestes Oromtittii gita hin qabne
worqituudha,,,,,,,,,xumurame,,,,,,,,