Get Mystery Box with random crypto!

Geerarsa Haacaaluu (Full Text) Jirtuu?, Hin Dhagaaha | ancient history of oromoo and oromia

Geerarsa Haacaaluu (Full Text)

Jirtuu?, Hin Dhagaahamu, hin dhagaahamu jechaa jiru warri
Ameerikaa.
Jirtuu?, Jirtuu?...
Ijoolleen Goojjam Jirtuu?
Goojjam Matakkal Jirtuu?
Ijoolleen Raayyaa Jirtuu?
Raayyaa Raayituu Jirtuu?
Ijoolleen Walloo Jirtuu?
Walloo Kamisee Jirtuu?
Ijoolleen Wallaggaa Jirtuu?
Ijoolleen Arsii Jirtuu?
Ijoolleen Booranaa Jirtuu?
Ijoolleen Tuulamaa Jirtuu?
Ayiiiiiiiiiiiiiii..
Ani Maalan godheree
Maalan gochuu dideree
Manni Keenya holqaare(×)
Tabba Gubbaadha malee(×2)
Oromoon Biyya Diigaaree
Biyya Ijaara Malee(×2)
Ya Ijoollee Biyya kootii(×2)
Hundumtuun Haadhoo Kooti(×2)
Hangariin Garaa siree
Nooraan garaa dhidheessaa
An Yooman garaa hiree
An Haacaaluu Hundeessaa
Nan Joore Nan Joorekaa
Foon maddii na qoorekaa
Ya ijoollee biyya kootii(×2)
Hundumtun haadhoo kooti(×2)
Qamalee koo Qamalittii(×2)
Yaa Ishee goongoorra utaaltu
Arbi ciinjiijjiitti dhale
Akkamiin rafnee bulla
Fuulduraan otoo eegnuu
Diinni boroodhaan gale
Akkamiin Rafnee Bulla
Nuti Jaalala jenna
Diinni Ammas nuun ciisne
Kunoo mi'eessoon galee
Rasaasaan nu waxalee
Akkamiin rafnee bulla
Diinni silaa nuun ciisne
Kunoo cinaaksan gale
Rasaasaan nu waxalee
Nurraa Dhowwi ya Lammaa
Nurraa Dhowwi ya Abiyyii
Nurraa Dhowwaa yaa biyyaa
Yookaan qeerroottan iyyaa...
Gaarri shiraan tuulame
Biiftuu Baatu Dhoksaaree
Kan Du'e Seenaatti Hafe
Kan lufe silaa lufe
Kan dhufes dhiigaan dhufe
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoophiyaa jigde kaasekaa
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoo_eertiraa walitti araarsekaa
Nan sobee...Nan Sobee...Nan Sobee
Nan Sobee Ijoollee Oromoo
Nan Sobee Ijoollee Biyyakoo
Galma Dhugaa Ijaaruuf
Galma Sobaa Raasekaa
Galma Dhugaas Lafeedhaan
Ni Ijaarranna Boru
Galma Dhugaas Jaalalaan
Ni Ijaarranna Boruu
Otuma Moortuun Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Otoo Addageen Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Ni Hora Abbaan Horu
Ni Hora Abbaan Horuuu.