Get Mystery Box with random crypto!

El- waaq!  ( Eela waaqaa)   --------     Duraan dursee Eelli m | ancient history of oromoo and oromia

El- waaq!  ( Eela waaqaa)
  --------
    Duraan dursee Eelli maqaa El- waaq jedhu kanaan waamamu lama. tokko Eela amma oromoon booranaa tulaa dubluq jattee waamttu kana hoggaa tahu kan lamadaa El- waaq guddicha kan daangaa keeniyaatiifi Somalia jiddutti argamu  ykn Eela  Somalia, jubatti  argamuudha.. Hamma Ammaa iddoon kun ykn magaalaan takka maqaa El- waaq jedhamuun waamamaa jirtti. Dur oromoon ossoo dhiibamee naannoo San gad dhiisee hin bahin dura sirna irreeffannaa ykn sirna dhibaayyuu El- waaqa kanatti gaggeeffachaa ture. Sababnii isaa, Elli kun Eela oromoon yeroo duraatiif bishaan qotee irraa baafatte waan taheef iddoo kanatti waaqaaf galata galchaa turan jedhama.

     Gara biraatiin oromoo booranaatiif eelli qaraa ykn Eelli  jalqabaa Eela waaqaa ykn tulaa dubluq hoggaa tahu oromoonni boorana yeroo Ammaa sirna dhibaayyuu Eela waaqaa ykn tulaa dubluq kanatti gaggeeffatan.