Get Mystery Box with random crypto!

qabateeti lafoo dura dhaabachuun dirqame . … Akkasumanuu waraa | ancient history of oromoo and oromia

qabateeti lafoo dura dhaabachuun dirqame .

Akkasumanuu waraanni murti guutoo waraana mililik kan lafaatiin(intanry) qawweedhaan caalamuus boobba.a diina hedduu of irraa faccisuu dandae ture.

booda garuu madaafa tuusa ibiddaa tufu bakka fagoo eeboo f mancaan hin genyee dhaabanin duubbee raabaa doorii looltuu irra bobaasuuf madoo itti wal'aanatu ibiddaa itti roobsan.

bifa sanin qawwee sodattuun hidhattee hobalee gootaa mohattee nafxenyaan akkuma kutaalee oromiyaa kanneen birootti gooteti dachi humbannatis qabate.

Qoondaala raabaa doorii kannen gaafa calanqoo caali bararaan kanneen akka Haamid ibroo (akaakoo Jaarraa) kopha kophaatti galafatani ummatas hogganaa silaa bakka cophaani isaani dhabsisaan.
#ancient_history_of_oromoo
https://t.me/joinchat/AAAAAE7dzv--x9j2S4HTfw


Finfinnee, Bitootessa 18, 2011(FBC)- Horteen Oromoo waggoota 120 oliif addaa bahee naannaawaa garagaraa jiraachaa ture wal barbaade wal arge.

Wal arguu firoottan kanaaf Waldaan Fannoo Diimaa gumaacha taasiseera.

Dubbiin akkasii akka lakkoofsa Itoophiyaa bara 1888 weeraraa xaaliyaanii qolachuuf gosti Oromoo tokko Godina shawaa Lixaa aanaa Ilfataarraa gara Adawaatti duulani.

Waraanni Adawaa injifannoon erga golabamee booda garuu gara qe’ee isaanitti hin deebine.

Gootummaa isaaniin kan beekaman gosti Oromoo kun muraasni isaanii Miseensa raayyaa Ittisa biyyaa ta’uun gara naannoo Haadiyyaatti godaananii.

Achuma jiraatanii maatis horatanii, aadaa fi eenyummaa isaanis dagatanii afaaniifi aadaa biroo baratani.

Seenaan kun erga ta’e waggoota 122 ol ta’eera. Maatii, aanteefi firoottan isaanirraa adda bahaani, waggaa hangasiifis quba wal hin qaban.

Gosti Oromoo naannoo saboota kibbaa jiru kun firaafi aantee isaa barbaacha waggoota hedduuf dhama’eera.

Boodarra karaa dhaabbata Fannoo Diimaa firootni isaanii shawaa lixaa aanaa Ejersa Lafoo keessatti akka argaman itti himame.

Bay'inni hortee gosa Oromoo kanaa zoonii Haadiyyaa keessa kumaatamaan lakkawamanis namoonni muraasni garuu fira barbaacha dhufanii gosa isaanii waliin arganii.

Oromoonni aanaa Ilfataa keessa jiraatan kunneen gosa isaanii keessa muraasni gara naannoo ummattoota kibbaatti raayyaa ittisa biyyaa ta’anii akka godaanan quba qabaatanis eessa akka jiran garuu hin beekani.

Amma kan wal arge ilmaan ilmaan isaaniiti. Haa ta’uyyu malee gammachuu guddaa itti qabani maatiiwwan Oromoo fira barbaacha naannoo Haadiyyaa irraa dhufanis fira waggoota dhibbaa oliif addaa bahe barbaannee argachuun keenya miira gammachuu nutti uumee jedhani.

Kanaafis Waldaa Fannoo Diimaa galateefataniiru.
https://t.me/joinchat/AAAAAE7dzv--x9j2S4HTfw