Get Mystery Box with random crypto!

FROM OUR HISTORY Magaalan Jaldeessa [ONA N | ancient history of oromoo and oromia

FROM OUR HISTORY Magaalan
Jaldeessa [ONA NOOLEE]
Magaalan jaldeessa jaarraa dabran keeysa
Lafa seena-Qabeesa turtte, ona Noolee keeysatti.yeroo jaldeesa jannu jaldeesa bineesa gaaraa San jachu keenyaa mitti, hiikaa biraa qaba.jaldeesa jachuun jala- deessa ykn warra bakka takkatti dhalate jachuudha.irra guddaa maqaan kun sadarkaa gadaa keeysatti warra daballeetiin jaldeesa
Ja'uun.sirna gadaa keeysatti warri sadarkaa daballee keeysa jiru,waan maqaa hin moggaaffaneef jacha bakka takkatti joollee daballeetiin jaldeesa jachuun waamu.gaafa sadarkaa gammee xixiqqoo seenan guduruu haadachuun maqaa moggaafatan.
Laftti dur magaalaan jaldeessa irra turtte sun
Lafa Gubbisni jaldeesa ykn iddoo daballeen
Itti Gubbisaa turtte jedhu manguddoon Afran qalloo.
Suurraa biyyoo jaldeesaa bara 1888 G. C.
Biyyoon jaldeesaa ona noolee keeyssatti argamtti.
Bara 1902-1912 dura galliin Ashura Kan sasaabamu Magaalaa jaldeessaa keeyssatti ture.
Magaalaan jaldeessaa dirree Dhawaa irraa k.m 45 irratti argamtti.magaalaan jaldeessaa Jaarraa 14ffaa irraa kaasee jiddu gala daldalaa tahuun tajaajilaa turtte.

sep25/2021Gc

#ancient_history_of_oromoo