Get Mystery Box with random crypto!

Qarooma warra kush ! --------- Suuraa # 1 Ibsa : | ancient history of oromoo and oromia

Qarooma warra kush !
---------
Suuraa # 1
Ibsa :- dhagaa boocame dhaabuun ykn dhagaan dhaabataa ( stone steles) seenaa bara dheeraa qaba.qarooma warra masrootaa ykn mootoota warra masrii ( Egyptian first dynasty) irraa kaassee bara 2000- 3000 B.C
Dura waan addunyaa irratti beekamaa dhufeedha.
Dhagaan dhaabataa ( stone steles) akka seenaa warra kush bahaatti iddoo saditti adda qoodama ;-
1- dhaga- heela ( generation stones)
2- dhaga-diiruma ( manhood stones)
3' dhag- tuulii ( graves stones/ graves markers)
1- Dhaga heela ( generation stones)
Dhagaan heelaa dhagaa iddoo sirni gara garaa itti kabajamutti gad dhaabatu.dhagaan kun yeroo hedduu dhagaa harkaan qorame dhaabatu hoggaa tahu hamma meetira 3 dheeratu ni dandaha.
Wal dhala tokko keessatti milikii, injifannoo qarmoofaafi iddoo jiddu gala sirna tokkoo ykn Amantaa tokkoo ibsuu ni dandaha.
Fakkeenyaaf dhagaan heelaa kan suuraa kana irratti argitan kun dhaga - heela jechuun beekama. Iddoon kun dalaya dhagaan marfame qaba. Dalayni kun " mooraa " jechuun waamama. Dhaga - heelli kun lafa gosa booranaatiifi konsoo jiddutti bakka fasha jedhamutti argama .gostti boranaatiifi konso dhagaa kanaaan maqaa wal fakkaatuun dhaga - heela jechuun waamu.
- Ragaa - eike Heberland bara 1954 G.C .
Suuraa # 2 .... itti fufa...
https://t.me/ancient_history_oromoo