Get Mystery Box with random crypto!

Telegram channel https://t.me/ancient_history_oromoo | ancient history of oromoo and oromia

Telegram channel

https://t.me/ancient_history_oromoo

#SHEIKH_HARAR_fi_MOOTII_LIJ_IYYAASSUU
Itoophiyaan jaarraa dheeraadhaaf Hawaasa Muslimaa ishii akka keessuumootaati laalti malee akka lammii biyyaa fi abbaa biyya tanaati ilaalaa hin turre. Ilaalchi kun ammas baayyiinaaan Itoophiyaanoota kaabaa keessatti callaqisee ni argama. Muslimni Keessummaa Itoophiyaati waan tahaniif angoo siyaasaa biyya itoophiyaa ol'aanaa oonfachuu hin qabu ilaalcha jadhu qabu. Sababni Lij Iyyaassauun Angoorraa itti foonqoolchame kanaaf ragaa guddaa dha.

Osoo Mootii Lij Iyyaassuun Biyyoo Adaree daawwii hojiirra jiruuti ture isa duubaa Finfineeti foonqoolchi mootummaa isarratti kan gaggeefame. Bara 1916 Sababni hattattamaa foonqoolchi Mootummaa Mootii Lij Iyyaasuu irratti taasifameef inni magaalaa Harar osoo daawwatuu waan imaamata hidhatee, Mudawwara uffatee, muslima fakkaateef Itoophiyaa kaadee jira jachuuni ture Mokaaniintoonni Shawaa Haayilasilaasee Waamanii Iyyaassuu duubaa Shaggaritti angoomsan. Waraana guddaa Hararghee bu'ee loltoota Iyyaassuu dabaalaa jiraniin akka lolan Baabbuuraa fi koonkoolaataan ittis gad ergan. Mi'eessootti loltoonni Iyyaassuu dabaalaa turan muraasaa fi loltoonni shawaa Baalchaa Abbaa Nabsootiin durfamu waraana guddaa Mi'eessootti Iyyaassuurratti gaggeessan. Humni loltoota Iyyaassuu muraasa waan turef waraana Shawaa Xaana qabu dandamachuu hin dandeenye. Achuma Mi'eessootti burkutaawan. Lij Iyyaassuunis booji'ame. Erga Lij Iyyaassuun booji'ame booda Oromoonni Hararghee #Sheikh_Mahammad_Harar jalatti hiriiruun Iyyaassuu waraana shawaa harkaa Miliiqsani dhooysanii ture.

Sheikh Mahammad Harar jechuun kan amma Qubbiin isaanii Qabrii hawaasa Muslima #Maqaalaa_Ciroo bira jirtuu ti. Sheikh Mahammad Harar Nama bara 1880 keessa Wallootti Barnoota Diin islaamaa baratan waan tahef Oromummaa Lij Iyyaassuu fi Hortee Abbootii Lij Iyyaassuu faa sirriiti waan hubatan fakkaatu ture. Sheikh Harar faan Lij iyyaassuu erga miliiqsan booda gara #Saaqataa geessuun Sheikh Mahammad Saaqataa biratti akka dhooysan manguddoonni Carcar ni dubbatu. Turtii waggaa 3f keessatti Achuma Saaqataatti amantaa islaamaa akka fudhachiissanis ni himama. san booda bara 1923ti Lij Iyyaassuu deeggartan jechuun Sheikh Mahammad Harar faan qabamanii hidhaman. Sheikh Mahammad Mana Gaashiiree Cirootti waggaa 6 f hidhamanii bara 1928ti dararaa fi gidiraa isaanirra gahaa turterrraa kan ka'e achuma mana hidhaa Ciroo keessatti akka du'aan seeneefama. Barri kun bara Xaaliyaan yeroo lammaffaatiif Itoophiyaa weeyrate dha. Bara kana keessa ture Xaaliyaannooni isa angoorratti deebissuu malan shakkii jattuun #Haayilasilaasseen Lij Iyyaassuu Mana hidhaa Gaara Mul'ataati fuudhee gammoojjii Afaar keessatti ajjeessisee gara Jibuutii kan baqate. Sheikh Mahammad Hararis sababuma kanaatiif achuma mana hidhaa keessatti ajjeessisanii bira kutan tahinnaa shakkiin jattu hanga arraa shakkii hawaasa carcar keessa jirtuu dha. Sheikh Mahammad Harari Aalimoota gurguddaa Warraaqsa Diin islaamaa #Carcariyyii jechuun seenaa Muslimoota Itoophiyaa keessatti beekamtu warra qabsiisan keessaa tokko yoo tahan, gootoota Qabsoo bilisummaa Oromoo Carcar keessatti unkuran tahuun beekamu. Hiddi laatinsaatiin Sheikh Mahammad Harar Nama Ituu, gosa Baayee turan. Hubannuma Muraasa Isiniif Kennuuf jenneti

#Horaa_Bulaa

#ancient_history_oromoo


https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=171812168507138&id=111320201223002