Get Mystery Box with random crypto!

FROM OUR HISTORY ''Abbaa'' Telegram channel | ancient history of oromoo and oromia

FROM OUR HISTORY ''Abbaa''
Telegram channel
https://t.me/ancient_history_oromoo
''Abbaa''
Jachii 'Abbaa' jedhu kun Addunyarrtti biyyoota hedduu keeyssatti jacha Wal fakkaataa qaba.irra guddaa garaagarummaan jirtu sagalee 'Ba' fi 'Pa' jedhuudha.Abbaa,papa,
Baaba,Apa, pupa,...k.k.k hedduudha.hayyoonni
Afaanii tokko tokko akka jedhanitti moggaasnii
Kun kan dhufe joolleen xixiiqqoon yeroo dura afaan hiikattu jachoota isaaniif salphaa tahe kan dura Abbaa isaanii ittiin waaman irraa kan fudhatame jedhu.gara biraatiin maqaan kun dhalli namaa yeroo takka durii-dur akka naannoon takka keeyssa jiraachaa ture mul'isa jedhu.bifuma kanaan yeroo gama keenyatti as deebisnee ilmaan kush yeroo takka akka maatii
takka keeyssa jiraachaa turaniifi tura keeyssa
Akkuma "genealogical family roots"ykn hiddii
wal dhala isaanni babal'chaa dhufeen akka qubsumaan gargar fagaachaa dhufantu himama.garuu yeroo takka akka bakka takka jiraachaa turan wanii mul'isu hambaan wahii
ni jirtti.keessattuu jachoota dur itti dhimma bahaa turan kan hamma Amma itti fayadamaa jiran keeyssaa Akka fakkeenyatti waan tokko tokko kaasuu ni dandeenya.ilmaan
Kush irra guddaa maqaa Abbaa jedhu fi kan Akaakayyootiifi Abbabiyyee jedhu jacha Wal fakkaatuun ykn sagalee takkaan waamu.
Fkn:oromoon: Abbaa Abbaa issaatiin Akaakoo
Ykn Akaakiyyee jachuun waama.haadha haadha issaatiin Akkoo ykn akayyoo jachuun waama.
Somaalee: Abbaan:Abboo
Haadhaan:hooyoo (Aayyii)
Akakoon: Awoowoo
Akkoon:Ayyooyyoo(ayyeeyi)
Sidama:akaakoo_akaakoo.....
Afar dabalatee warri Kush hundi jacha walfakkaatuun dhimma baha.keessattuu jachi
Akaakoo jedhu bu'uura hawaasaatii.dubii tanarratti Akaakoo jachuun "akeekkaakoo"ykn akaakiyyee jachuun akeekkaa kiyya jacuudha.
Like invite and Share
https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=171812168507138&id=111320201223002